Psalms 56
Waaqa Amanachuu
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo “Gugee Qilxuu Fagoo irraa” jedhuun faarfatame. Miiktaamii Faarfannaa Daawit. Innis yeroo Filisxeemonni Gaati keessatti isa qaban faarfate. 1Yaa Waaqi na maari;diinonni koo akka malee na ariʼu;
guyyaa guutuus na cunqursu.
2Diinonni koo guyyaa guutuu na gaadu;
namoonni baayʼeen of tuulummaadhaan na lolu.
3Ani yommuun sodaadhutti sin amanadha.
4Waaqa ani dubbii isaa jajadhu,
Waaqa nan amanadha; homaa hin sodaadhu.
Namni duʼa hin oolle maal na gochuu dandaʼa?
5Isaan guyyaa guutuu dubbii koo micciiru;
na miidhuudhaafis yeroo hunda natti malatu.
6Isaan ni mariʼatu; ni riphus;
lubbuu koo galaafachuuf jedhanii
tarkaanfii koo eeggatu.
7Sababii hammina isaaniitiif akka isaan miliqan hin godhin;
yaa Waaqi, dheekkamsa keetiin saboota gad deebisi.
8Gadadamu koo galmeessi;
imimmaan koos kitaaba kee keessatti barreessi;
isaan galmee kee keessa jiru mitii?
9Yommuu ani gargaarsaaf si waammadhutti,
diinonni koo dugda duuba deebiʼu.
Anis kanaan akka Waaqni na wajjin jiru beeka.
10Waaqa ani dubbii isaa jajadhu,
Waaqayyo ani dubbii isaa jajadhu,
11Waaqa nan amanadha; ani homaa hin sodaadhu.
Namni maal na gochuu dandaʼa?
12Yaa Waaqi wareegni kee narra jira;
aarsaa galataas siif nan dhiʼeessa.
13Akka ani fuula Waaqaa dura,
ifa jireenyaa keessa deddeebiʼuuf,
ati lubbuu koo duʼa jalaa,
miilla koos gufachuu oolchiteertaatii.
Copyright information for
GazHAHl