Psalms 59
Kadhannaa Diina Jalaa Baʼuuf Dhiʼaate
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo Daawit kan “Hin balleessin” jedhuun faarfatame. Miiktaamii. Daawitis yeroo Saaʼol isa ajjeesuudhaaf jedhee namoota ergee mana isaa eegsisetti faarfate. 1Yaa Waaqi, diinota koo jalaa na baasi;warra natti kaʼan jalaas na furi.
2Warra hammina hojjetan jalaa na baasi;
namoota dhiiga dhangalaasan jalaas na baraari.
3Ilaa, isaan riphanii na eeggachaa jiruu!
Yaa Waaqayyo, namoonni hamoon,
utuu ani balleessaa fi cubbuu hin qabaatin lola natti kaasu.
4Ani balleessaa tokko illee hin hojjennee;
isaan garuu na loluuf qophaaʼaniiru.
Na gargaaruudhaaf kaʼi; rakkina koos ilaali!
5Yaa Waaqayyo, Waaqa Waan Hunda Dandaʼu,
yaa Waaqa Israaʼel, saboota hunda adabuudhaaf kaʼi;
warra hammina isaaniitiin yakka hojjetan tokko illee hin maarin.
6Isaanis galgala galgala deebiʼanii,
akka saree gururiʼaa magaalattii irra naannaʼu.
7Waan isaan afaan isaaniitii baasan ilaali;
hidhii isaanii irra goraadeetu jira;
isaanis, “Eenyutu nu dhagaʼuu dandaʼa?” jedhu.
8Yaa Waaqayyo, ati garuu isaanitti kolfita;
saboota sana hundumattis ni qoosta.
9Yaa Jabina ko, ani sin eeggadha;
yaa Waaqi ati daʼoo koo,
10Waaqa na jaallatuu dha.
Waaqni fuula koo dura deema;
akka ani diinota koo moʼannoodhaan of jalatti ilaalu godha.
11Yaa Gooftaa, yaa gaachana keenya,
ati garuu isaan hin ajjeesin;
yoo kanaa achii sabni koo ni irraanfata.
Humna keetiin akka isaan jooran godhi; gad isaan deebisis.
12Sababii cubbuu afaan isaaniitiif,
sababii dubbii hidhii isaaniitiif,
isaan of tuulummaa isaaniitiin haa qabaman.
Sababii abaarsaa fi soba isaan dubbataniitiif,
13dheekkamsaan isaan balleessi;
akka isaan deebiʼanii hin argamneef isaan balleessi.
Kanaanis akka Waaqni Yaaqoob irratti mootii taʼe,
hamma handaara lafaatti ni beekama.
14Isaanis galgala galgala deebiʼanii,
akka saree gururiʼaa, magaalattii irra naannaʼu.
15Isaan waan nyaatan barbaacha asii fi achi jooru;
yoo quufuu baatan immoo ni iyyu.
16Ani garuu waaʼee jabina keetii nan faarfadha;
ganamaanis waaʼee jaalala keetii nan faarfadha;
ati daʼoo kootii; yeroo rakkina koottis
ati iddoo ani itti kooluu galuu dha.
17Yaa Jabina ko, ani faarfannaa galataa siifin faarfadha;
yaa Waaqi, ati daʼoo koo ti;
ati Waaqa ani abdadhuu dha.
Copyright information for
GazHAHl