‏ Psalms 63

Waaqa Barbaacha

Faarfannaa Daawit. Yeroo inni Gammoojjii Yihuudaa keessa turetti.

1Yaa Waaqi, ati Waaqa koo ti;
ani dhugumaan sin barbaadadha;
lafa gogaa fi gammoojjii,
lafa bishaan hin jirretti,
lubbuun koo si dheebotti;
foon koos sitti gaggaba.

2Kanaafuu ani iddoo qulqulluu keessattin si arge;
humna keetii fi ulfina kees nan ilaale.
3Waan jaalalli kee jireenya caaluuf,
hidhiin koo si jajatti.
4Ani hamman jirutti sin eebbisa;
maqaa keetiinis harka koo ol nan qabadha.
5Lubbuun koo akka nama dhukaa fi cooma quufeetti quufti;
afaan koos hidhii ililleetiin si jajata.

6Ani siree koo irratti sin yaadadha;
halkan guutuus waaʼee kee nan yaada.
7Waan ati gargaarsa koo taateef,
ani gaaddisa qoochoo keetii jalatti gammachuudhaan nan faarfadha.
8Lubbuun koo sitti maxxanti;
harki kee mirgaa ol na qaba.

9Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadan garuu
boolla lafaa isa gad fagoo keessa buʼu.
10Isaan dabarfamanii goraadeetti kennamu;
nyaata waangoos ni taʼu.

11Mootiin garuu Waaqaatti ni gammada;
namni Waaqaan kakatu hundinuu ulfina argata;
afaan warra soba dubbatuu immoo ni cufama.
Copyright information for GazHAHl