Psalms 65
Sababii Kennaa Isaatiif Waaqayyon Jajachuu
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. 1Yaa Waaqi, Xiyoon keessatti galatatu si eeggata;wareegni keenyas siif galfama.
2Yaa isa kadhannaa namaa dhageessu,
namni hundinuu gara kee ni dhufa.
3Yeroo cubbuun na moʼattetti,
ati yakka keenya nuu dhiifteerta.
4Warri ati filattee akka isaan qeʼee kee jiraataniif
ofitti dhiʼeessite eebbifamoo dha!
Nus waan gaarii mana keetiitiin,
kan mana qulqullummaa keetiitiinis ni quufna.
5Yaa Waaqi Fayyisaa keenya,
ati hojii qajeelummaa sodaachisaadhaan deebii nuu kennita;
daarii lafaa hundumaaf,
galaana fagootti argamuufis ati abdii dha;
6ati humna uffatteerta;
jabina keetiinis tulluuwwan hundeessite;
7ati huursaa galaanaa,
huursaa dhaʼaa bishaanii,
raafama uummataas ni calʼisiifte.
8Warri fagoo jiraatan dinqiiwwan kee ni sodaatu;
ati yeroo bariʼuu fi yeroo dhiʼutti,
akka faarfannaan gammachuu faarfatamu ni goota.
9Ati lafa ni eegda; bishaanis ni obaafta;
akka malees ni gabbifta;
akka namootaaf midhaan kennaniifis
lageen Waaqaa bishaaniin guutamaniiru;
ati kanumaaf qopheessiteertaatii.
10Boʼoo isaa bishaan quubsita;
biyyoo isaas wal qixxeessita;
tiifuu bokkaatiinis ni jiifta;
biqila isaas ni eebbifta.
11Gaarummaa keetiin bara ni gonfita;
daandiiwwan kees cooma coccobsu.
12Lafti margaa kan gammoojjii akka malee misa;
gaarranis gammachuudhaan guutamu.
13Dirreewwan bushaayeedhaan guutamu;
sululoonni midhaaniin haguugamu;
isaanis ililleedhaan iyyanii faarfatu.
Copyright information for
GazHAHl