‏ Psalms 67

Faarfannaa Yeroo Midhaan Galfamuu

Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Miʼa ribuutiin. Faarfannaa.

1Waaqni garaa nuuf laafu; nu haa eebbisus;
fuula isaas nurratti haa ibsu;
2kunis akka karaan kee lafa irratti,
fayyisuun kee immoo saboota hundumaa biratti beekamuuf.

3Yaa Waaqayyo, saboonni si haa jajatan;
saboonni hundii si haa jajatan.
4Ati waan qajeelummaadhaan namoota bulchituuf,
saboota lafa irraas waan geggeessituuf,
saboonni haa gammadanis; ililchaniis haa faarfatan.
5Yaa Waaqayyo, saboonni si haa jajatan;
saboonni hundii si haa jajatan.

6Lafti midhaan kenniteerti;
Waaqayyo Waaqni keenyas nu eebbiseera.
7Waaqni nu eebbiseera;
handaarri lafaa hundi isa haa sodaatu.
Copyright information for GazHAHl