‏ Psalms 68

Faarfannaa Moʼannoo

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit.

1Waaqni haa kaʼu; diinonni isaas haa bittinnaaʼan;
warri isa jibbanis fuula isaa duraa haa baqatan.
2Akkuma aarri bittinnaaʼu, ati isaan bittinneessi;
akkuma gagaan ibidda duratti baqu,
hamoonni fuula Waaqaa duraa haa badan.
3Qajeelonni garuu haa gammadan;
fuula Waaqaa durattis baayʼee haa gammadan;
isaan gammachuudhaan haa ililchan.

4Waaqaaf faarfadhaa;
faarfannaa galataa maqaa isaatiif faarfadhaa;
isa duumessaan gulufu sana jajadhaa;
maqaan isaa Waaqayyoo dha;
fuula isaa durattis baayʼee gammadaa.
5Waaqni warra abbaa hin qabneef abbaa,
niitota dhirsoonni irraa duʼaniifis falmaa taʼe sun
iddoo jireenya isaa qulqulluu keessa jira.
6Waaqni warra kophaa taʼan maatii keessa jiraachisa;
warra hidhamanis mana hidhaatii baasa;
finciltoonni garuu lafa gogaa irra jiraatu.

7Yaa Waaqayyo, gaafa ati saba kee dura baate,
gaafa ati gammoojjii keessa dabarte,
8fuula Waaqaa, Waaqa Siinaa duratti,
fuula Waaqaa, Waaqa Israaʼel duratti,
lafti ni raafamte; samiiwwanis bokkaa roobsan.
9Yaa Waaqayyo, ati bokkaa baayʼee roobsite;
dhaala kee kan dadhabe illee ni quubsite.
10Sabni kee achi qubate;
yaa Waaqayyo, ati badhaadhummaa kee keessaa

hiyyeeyyii soorte.

11Gooftaan dubbii isaa kenne;
dubartoonni dubbii sana labsanis baayʼee dha:
12“Mootonnii fi loltoonni ariitiin baqatan;
dubartoonni qeʼee oolan boojuu qooddatan.
13Yoo gola hoolotaa gidduutti argamtan illee,
isin akka gugee qoochoon ishee meetiidhaan uffifamee
baalleen ishee immoo warqee calaqqisuun uffifamee ti.”
14Yommuu Waaqni Waan Hunda Dandaʼu
mootota achitti bittinneessetti,

Zalmoon irratti cabbiin buʼe.

15Yaa tulluu Baashaan, yaa tulluu surra qabeessa,
yaa Tulluu Baashaan, yaa tulluu fiixee baayʼee qabu,
16yaa tulluu fiixee baayʼee qabdu,
ati maaliif tulluu Waaqni bulchuuf filate,
iddoo Waaqayyo bara baraan jiraatu sana

hinaaffaadhaan ilaalta?
17Gaariiwwan Waaqaa kuma hedduu dha;
isaan kumaatama yeroo kumaatamaa ti;
Gooftaanis Siinaadhaa gara iddoo qulqulluu dhufeera.
18Ati yommuu ol gubbaa baatetti
boojuu baayʼee fudhate;
yaa Waaqayyo, yaa Waaqi, ati achi jiraachuuf jettee,
namoota irraa, finciltoota irraas kennaa fudhatte.

19Gooftaan guyyuma guyyaan baʼaa keenya baatu,
Waaqni Fayyissaa keenya taʼe sun haa eebbifamu.
20Waaqni keenya Waaqa fayyinaa ti; duʼa jalaa baʼuunis
Waaqayyo Goofticha biraa dhufa.
21Waaqni dhugumaan mataa diina isaa,
gubbee mataa warra cubbuu isaaniitti fufanii

kan rifeensa qabu ni caccabsa.
22Gooftaan akkana jedha; “Ani deebisee Baashaanii isaan nan fida;
tuujuba galaanaa keessaas deebisee isaan nan fida;
23kunis akka ati dhiiga diinota keetii miilla keetiin borcituuf;
arrabni saroota keetiis akka qooda isaanii qabaatuuf.”

24Yaa Waaqayyo, hiriirri kee mulʼateera;
hiriirri Waaqa kootiitii fi mootii kootii iddoo qulqulluutti ol galeera.
25Fuula duraan faarfattoota,
dugda duubaan immoo warra muuziiqaa taphatantu ture;
dubartoonni dibbee rukutanis gidduu isaanii turan.
26Waldaa guddaa keessatti Waaqa jajadhaa;
yaaʼii Israaʼel keessattis Waaqayyoon jajadhaa.
27Beniyaam gosti xinnichi isaan dura deema;
tuunni ilmaan mootota Yihuudaas achi turan;
ilmaan mootota Zebuuloonii fi Niftaalemis achi turan.

28Yaa Waaqayyo, humna kee ajaji;
yaa Waaqa keenya, akkuma duraan goote sana

jabina kee nu argisiisi.
29Sababii mana qulqullummaa keetii kan Yerusaalem keessaatiif
mootonni kennaa siif fidu.
30Bineensota shambaqqoo keessaa,
karra korommii jabboota sabootaa keessaas ifadhu.
Warra meetii fidan gad deebisi.
Warra waraanatti gammadanis bittinneessi.
31Ergamoonni Gibxi ni dhufu;
Itoophiyaanis daftee harka ishee Waaqatti balʼifatti.

32Yaa mootummoota lafaa, Waaqa faarfadhaa;
faarfannaa galataas Gooftaadhaaf faarfadhaa;
33isa samiiwwan durii keessa gulufu,
isa sagalee jabaadhaan qaqawweessaʼu sana faarfadhaa.
34Waaqa ulfinni isaa Israaʼel irra jiru,
isa miidhaginni isaa
samiiwwan keessa jiru sana humna isaa labsaa.
35Yaa Waaqayyo, ati iddoo qulqullummaa keetiitti sodaachisaa dha;
Waaqni Israaʼel saba isaatiif humnaa fi jabina ni kenna.

Waaqni haa eebbifamu!
Copyright information for GazHAHl