‏ Psalms 69

Faaruu Booʼichaa

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo “Daraaraatiin.” Faarfannaa Daawit.

1Yaa Waaqi, ati na baasi;
bishaan ol dhufee morma na gaʼeeraatii.
2Ani raaree keessa, lafa iddoon miilla dhaabatan
hin jirre keessa seeneera.
Ani tuujuba bishaanii keessa seeneera;
lolaanis narra garagaleera.
3Ani iyyuudhaan dadhabeera;
laagaan koo babbaqaqeera;
iji koo, Waaqa koo eeggachuudhaan dadhabeera.
4Warri lafumaa kaʼanii na jibban
rifeensa mataa kootii caalaa baayʼatu;
warri na ajjeesuu barbaadan,
warri akkasumaan diina koo taʼan baayʼee dha.
Ani akkan waan hin hatin
deebisu dirqameera.

5Yaa Waaqi, ati gowwummaa koo ni beekta;
yakki koos si duraa hin dhokatu.

6Yaa Gooftaa, Waaqayyo Waan Hunda Dandeessu,
warri abdii sirra kaaʼatan,
sababii kootiif hin qaanaʼin;
yaa Waaqa Israaʼel, warri si barbaadan,
sababii kootiif hin qaaneffamin.
7Ani siif jedhee tuffii obseeraatii;
qaaniinis fuula koo haguugeera.
8Ani obboloota kootti keessummaa,
ilmaan haadha kootiittis alagaa dha;
9Hinaaffaan mana keetii na guggubeeraatii;
arrabsoon warra si arrabsaniis narra buʼeera.
10Booʼuu fi soomuun koo,
arrabsoo natti taʼe.
11Yommuu ani wayyaa gaddaa uffadhetti,
namoonni natti qoosu.
12Warri karra dura tataaʼan natti qoosu;
machooftonnis waaʼee kootiin sirbu.

13Ani garuu yaa Waaqayyo,
yeroo ati filattutti sin kadhadha;
yaa Waaqi, jaalala kee guddichaan
fayyina kee kan dhugaatiinis deebii naaf kenni.
14Akka ani hin liqimfamneef,
raaree keessaa na baasi;
warra na jibban jalaa,
bishaanota gad fagoo keessaas na baasi.
15Ati akka lolaan na hin fudhanne,
akka tuujubni na hin liqimsine,
akka boollis afaan isaa natti hin cufanne godhi.
16Yaa Waaqayyo, gaarummaa jaalala keetiitiin

deebii naaf kenni;
araara kee guddichaanis natti garagali.
17Fuula kee tajaajilaa kee duraa hin dhokfatin;
waan ani rakkina keessa jiruuf dafiitii deebii naaf kenni.
18Natti dhiʼaadhuutii na furi;
xiiqii diinota kootiif jedhii na baasi.

19Ati akka ani hammam tuffatamee,
salphifamee fi akka ani qaaneffame ni beekta;
diinonni koo hundinuus fuula koo dura jiru.
20Arrabsoon garaa koo cabse;
anis abdii kutadheera.
Ani nama garaa naaf laafu nan barbaade; garuu nan dhabe;
nama na jajjabeessus nan barbaade;

garuu tokko illee hin arganne.
21Nyaata kootti hadhooftuu makan;
akka ani dhuguuf immoo waan dhangaggaaʼaa naa kennan.

22Maaddiin isaanii iddaa isaanitti haa taʼu;
adabaa fi kiyyoo isaanitti haa taʼu.
23Akka arguu hin dandeenyeef iji isaanii haa haguuggamu;
dugdi isaaniis bara baraan haa goophatu.
24Dheekkamsa kee isaan irratti dhangalaasi;
aariin kee bobaʼaan sunis isaan irra haa buʼu.
25Qeʼeen isaanii haa onu;
namni dunkaana isaanii keessa jiraatu tokko iyyuu hin hafin.
26Isaan warra ati madeessite sana ni ariʼatuutii;
waaʼee dhukkubbii warra ati miite sanaas ni odeessu.
27Yakka irratti yakka isaanitti dabali;
isaan gara qajeelumma keetii hin dhufin.
28Maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessaa haa haqamu;
qajeeltota wajjinis hin galmeeffamin.

29Ani garuu dhiphinaa fi rakkina keessan jira;
yaa Waaqi, fayyinni kee ol na haa qabu.

30Ani faarfannaadhaan maqaa Waaqaa nan galateeffadha;
galataanis ulfina nan kennaaf.
31Kunis sangaa caalaa, korma gaanfaa fi
kottee qabu dhiʼeessuu caalaa Waaqayyoon gammachiisa.
32Hiyyeeyyiin waan kana arganii ni gammadu;
isin warri Waaqa barbaaddan garaan keessan jiraata haa taʼu!
33 Waaqayyo rakkattoota ni dhagaʼa;
namoota isaa warra hidhamanis hin tuffatu.

34Samii fi lafti, galaanonnii fi
wanni isaan keessa jiraatan hundinuu isa haa leellissan.
35Waaqni Xiyoonin ni fayyisaatii;
magaalaawwan Yihuudaas deebisee ni ijaara.
Sabni isaas achi qubata; ni dhaalas.
36Sanyiin tajaajiltoota isaa magaalattii ni dhaalu;
warri maqaa isaa jaallatanis achi jiraatu.
Copyright information for GazHAHl