‏ Psalms 7

Kadhannaa Namni Qajeelaan Kadhatu

Shiigaayoonni Daawit kan inni waaʼee Kuushi namicha gosa Beniyaamiif jedhee Waaqayyoof faarfate.

1Yaa Waaqayyo Waaqa ko, ani kooluu sitti nan gala;
warra na ariʼatan hunda jalaa na baasi; na oolchis;
2yoo kanaa achii isaan yeroo namni na oolchu hin jirretti,
akka leencaa na cicciratu; na kukkutatus.

3Yaa Waaqayyo Waaqa ko, yoo ani waan kana godhee jiraadhe
yoo harka koo keessa yakki jiraate,
4yoo ani nama nagaadhaan na wajjin jiraatutti hamaa hojjedhee jiraadhe,
yookaan yoo ani sababii malee diina koo saamee jiraadhe,
5diinni koo ariʼee na haa qabatu;
jireenya koo lafatti haa dhidhiitu;
ulfina koos awwaara keessa haa buusu.

6Yaa Waaqayyo aarii keetiin kaʼi;
dheekkamsa diinota kootti kaʼi.
Yaa Waaqa koo anaaf dammaqi; murtii qajeelaa labsi.
7Yaaʼiin namootaa naannoo keetti walitti haa qabamu;
atis ol gubbaadhaa isaan bulchi.
8 Waaqayyo sabootaaf murtii haa kennu.
Yaa Waaqayyo, akka qajeelummaa kootiitti,
akka amanamummaa kootiittis naa murteessi.
9Yaa Waaqa qajeelaa,
kan yaadaa fi garaa namaa qortu,
fincila hamootaa balleessi;
qajeeltota immoo jabeessii dhaabi.

10Gaachanni koo Waaqa;
inni gara toleeyyii ni oolcha.
11Waaqni abbaa murtii qajeelaa dha;
inni Waaqa guyyaa hunda dheekkamsa isaa mulʼisuu dha.
12Yoo namni qalbii jijjiirrachuu baate,
inni goraadee isaa ni qarata;
iddaa isaas dabsee qopheeffata.
13Inni meeshaa nama ajjeesu
qopheeffateera; xiyya bobaʼus ni qopheeffata.

14Kunoo, namni hamaan hammina ulfaaʼa;
jalʼina garaatti baata; soba dhala.
15Inni gad fageessee boolla qota;
boolla qopheesse sana keessas ni buʼa.
16Dabni isaa matuma isaatti deebiʼa;
jalʼinni isaas gubbee mataa isaa irra buʼa.

17Qajeelummaa isaatiif Waaqayyoon nan galateeffadha;
maqaa Waaqayyoo Waaqa Waan Hundaa Oliis faarfannaadhaan nan jajadha.
Copyright information for GazHAHl