Psalms 70
Iyya Dhiphinaa
70:1‑5 kwf – Far 40:13‑17
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawiti. 1Yaa Waaqi, na fayyisuuf ariifadhu;yaa Waaqayyo, na gargaaruuf dafii kottu.
2Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadan
hundinuu, haa qaanaʼan; haa burjaajaʼanis;
warri badii koo hawwan hundi
qaanaʼanii duubatti haa deebiʼan.
3Warri, “Baga! Baga!” anaan jedhan
qaanaʼanii duubatti haa deebiʼan.
4Warri si barbaadan hundinuu garuu
sitti gammadanii haa ililchan;
warri fayyisuu kee jaallatan,
yeroo hunda, “Waaqni guddaa dha!” haa jedhan.
5Ani garuu hiyyeessaa fi rakkataa dha;
yaa Waaqi, dafii na qaqqabi.
Ati gargaaraa koo fi fayyisaa koo ti;
yaa Waaqayyo hin turin.
Copyright information for
GazHAHl