‏ Psalms 72

Mooticha Abdiin Eegamu

Faarfannaa Solomoon.

1Yaa Waaqi, murtii kee mootiidhaaf,
qajeelumma kee immoo ilma mootiitiif kenni.
2Innis saba keetiif qajeelummaadhaan murteessa;
hiyyeeyyiifis murtii qajeelaa kenna.

3Tulluuwwan badhaadhummaa,
gaarran immoo ija qajeelummaa sabaaf haa fidan.
4Inni hiyyeeyyii saba keessa jiraataniif ni falma;
ijoollee rakkattootaa ni oolcha;
cunqursituu immoo ni barbadeessa.
5Namoonni hamma aduun jiraattuu fi hamma jiʼi jiraatutti,
dhalootaa hamma dhalootaatti si sodaatu.
6Inni akkuma bokkaa marga haamame irratti roobuu,
akkuma tiifuu lafa jiisuuttis ni dhufa.
7Bara isaa keessa qajeelummaan ni daraara;
nageenyis hamma jiʼi dhabamutti ni baayʼata.

8Innis galaanaa hamma galaanaatti,
Laga Efraaxiisii hamma moggaa lafaatti ni bulcha.
9Warri gammoojjii keessa jiraatan fuula isaa duratti ni sagadu;
diinonni isaas biyyoo arraabu.
10Mootonni Tarshiishii fi mootonni
biyyoota qarqarawwan galaana fagoo gibira isaaf ni fidu;
mootonni Shebaatii fi mootonni Saabaa kennaa ni fiduuf.
11Mootonni hundinuus isaaf ni sagadu;
saboonni hundinuus isa ni tajaajilu.

12Inni nama rakkatee gara isaatti iyyu,
hiyyeessaa fi nama gargaarsa hin qabne ni baraaraatii.
13Nama dadhabaa fi rakkataaf garaa lafa;
nama rakkataas duʼa jalaa baasa.
14Lubbuu isaaniis hacuuccaa fi cunqursaa jalaa ni fura;
dhiigni isaanii fuula isaa duratti gatii guddaa qabaatii.

15Umuriin isaa haa dheeratu;
warqeen Shebaa isaaf haa kennamu.
Yeroo hunda Waaqa isaaf haa kadhatan;
guyyaa guutuus isa haa eebbisan.
16Lafa irratti midhaan akka malee haa baayʼatu;
fiixee tulluuwwanii irras asii fi achi haa raafamu.
Iji isaa akka Libaanoon haa tolu;
akka marga lafaas haa misu.
17Maqaan isaa bara baraan haa jiraatu;
Akkuma aduus itti fufee haa jiraatu.

Saboonni hundinuu isaan ni eebbifamu;
jarris eebbifamaa jedhaanii isa waamu.

18Inni kophaa isaa waan dinqii hojjetu,
Waaqayyo Waaqni, Waaqni Israaʼel haa eebbifamu.
19Maqaa isaa ulfaataa sanaaf bara baraan galanni haa taʼu;
lafti hundinuu ulfina isaatiin haa guutamu.
Ameen; Ameen.

20Kadhannaan Daawit ilma Isseey as irratti xumurame.
Copyright information for GazHAHl