‏ Psalms 73

Kitaaba Sadaffaa

Faarfannaa 73–89

Moʼannoo Murtii Qajeelaa

Faarfannaa Asaaf.

1Dhugumaan Waaqni Israaʼeliif,
warra garaan isaanii qulqulluu taʼeef gaarii dha.

2Ani garuu miilli koo gufachuu gaʼee,
faanni koos mucucaachuu gaʼee ture.
3Ani yommuun badhaadhummaa hamootaa argetti,
of tuultotatti hinaafeen tureetii.

4Isaan hin dhiphatan;
dhagni isaaniis fayyaa dha; cimaa dhas.
5Rakkinni nama biraatti dhufu isaanitti hin dhufu;
isaan akka namoota kaanii dhukkubaan hin dhaʼaman.
6Kanaafuu of tuulummaan faaya morma isaanii ti;
fincilas akka wayyaatti uffatu.
7Iji isaanii coomee alatti dhiibama;
hamminni isaan garaatti yaadan dhuma hin qabu.
8Isaan ni qoosu; hamminas ni dubbatu;
of tuulaa cunqursaadhaan nama doorsisu.
9Afaan isaanii samii falmata;
arrabni isaaniis lafa dhaala.
10Kanaafuu sabni gara isaaniitti dachaʼee
bishaan baayʼee dhuga.
11Isaanis, “Waaqni akkamitti beekuu dandaʼaa?
Waaqni Waan Hundaa Olii beekumsa qabaa?” jedhu.

12Egaa namoonni hamoon akkana;
isaan yeroo hunda yaaddoo malee jiraatu;
badhaadhummaanis guddachaa deemu.

13Yoos ani akkasumaan garaa koo qulqullinaan eeggadhee
harka koos akkasumaan dhiqadhe kaa!
14Ani guyyaa guutuu dhaʼameera;
ganama ganamas adabameera.

15Ani utuu, “Akkana nan dubbadha” jedhee jiraadhee
silaa ijoollee kee nan yakkan ture.
16Garuu yommuu ani waan kana hunda hubachuu yaaletti,
wanni kun hojii dadhabsiisaa natti taʼe.
17Kunis hamma ani iddoo qulqullummaa Waaqaa seenutti ture;
ergasiis ani galgala isaanii nan hubadhe.

18Dhugumaan ati iddoo mucucaataa irra isaan dhaabde;
akka isaan kufanii caccabaniifis gad isaan darbatte.
19Isaan akkamiin guutumaan guutuutti sodaadhaan fudhatamanii
akkuma tasaa barbadaaʼan!
20Akkuma abjuun yeroo namni hirribaa dammaqutti taʼu sana,
atis yaa Gooftaa, akkasuma yommuu ol kaatu,
hawwii garaa isaanii ni busheessita.

21Yommuu lubbuun koo gadditee
onneen koos waraanamtetti,
22ani gowwaa fi wallaalaan ture;
fuula kee durattis akka horii nan taʼe.

23Taʼus ani yeroo hunda si wajjinan jira;
atis harka koo mirgaa ni qabda.
24Ati gorsa keetiin na qajeelchita;
ergasii immoo ulfinatti na galchita.
25Ani samii keessaa eenyunan qaba?
Lafa irraas si malee homaa hin fedhu.
26Foon koo fi onneen koo dadhabuu dandaʼu;
Waaqni garuu jabina garaa koo ti;
bara baraanis inni qooda koo.

27Warri sirraa fagoo jiran ni badu;
atis warra siif hin amanamne hunda ni balleessita.
28Akka ani yaadutti garuu Waaqatti dhiʼaachuun gaarii dha;
Waaqayyo Gooftaa daʼoo koo godhadheera;
ani hojii kee hunda nan labsa.
Copyright information for GazHAHl