‏ Psalms 74

Booʼicha Waaʼee Diigamuu Mana Qulqullummaa

Maskiilii Asaaf.

1Yaa Waaqi, ati maaliif bara baraan nu gatte?
Aariin kee maaliif hoolota ati bobbaafte irratti akka malee bobaʼa?
2Saba ati dur filatte,
gosa dhaala keetii, warra ati furte,
Tulluu Xiyoon iddoo ati jiraattes yaadadhu.
3Tarkaanfii kee gara waan bara baraan diigameetti qajeelfadhu;
diinni waan mana qulqullummaa keessa jiru hunda barbadeesseera.

4Diinonni kee iddoo qulqulluu kee keessatti bookkisan;
mallattoo isaaniis mallattoo godhanii dhaabbatan.
5Isaan nama bosona keessatti muka muruuf
qottoo ol fudhatu fakkaatu.
6Isaanis waan soofame hunda,
qottoo fi burrusaan caccabsan.
7Isaan mana qulqullummaa kee guban;
lafa jireenya Maqaa keetiis ni xureessan.
8Garaa isaanii keessatti, “Nu guutumaan guutuutti

isaan barbadeessina!” jedhan.
Iddoo Waaqni biyyattii keessatti itti waaqeffamaa ture hundumas ni guban.
9Mallattoon dinqii nuu hin kennamne;
siʼachi raajiin tokko illee hin jiru;
wanni kun hamma yoomiitti akka turu

nu keessaa namni beeku hin jiru.

10Yaa Waaqi, hamma yoomiitti diinni sitti qoosa?
Amajaajiinis bara baraan maqaa kee xureessaa?
11Ati maaliif harka kee, harka kee mirgaa dachaafatta?
Harka kee bobaa jalaa baafadhuutii isaan barbadeessi!

12Yaa Waaqi, ati durumaa jalqabdee mootii koo ti;
lafa irrattis hojii fayyinaa hojjetta.
13Situ humna keetiin galaana gargar qoode;
ati bishaan keessattis mataa bineensa jawwee fakkaatuu caccabsite.
14Situ mataa Lewaataan caccabsee nyaata godhee
uumamawwan gammoojjii jiraataniif kenne.
15Situ burqaawwanii fi bishaan yaaʼuuf karaa bane;
ati laga yeroo hunda yaaʼu illee gogsiteerta.
16Guyyaan kan kee ti; halkanis keetuma;
ati aduu fi jiʼa uumteerta.
17Situ daarii lafaa hunda dhaabe;
ati bonaa fi ganna uumteerta.

18Yaa Waaqayyo, akkamitti akka diinni sitti qoosu,
akkamitti akka namoonni gowwoonnis maqaa kee xureessan yaadadhu.
19Lubbuu gugee keetii dabarsitee bineensa bosonaatti hin kennin;
jireenya saba kee hiyyoomee bara baraan hin irraanfatin.
20Kakuu kee eegi;
iddoon lafaa dukkanaaʼaan hundinuu

gooliidhaan guutameeraatii.
21Warri cunqurfaman qaanaʼanii duubatti hin deebiʼin;
hiyyeeyyii fi rakkattoonni maqaa kee haa galateeffatan.

22Yaa Waaqi kaʼi; dubbii kees falmadhu;
akka gowwoonni guyyaa guutuu sitti qoosan yaadadhu.
23Dhaadachuu diinota keetii, bookkisuu diina keetii
kan gargar hin cinne sana hin dagatin.
Copyright information for GazHAHl