‏ Psalms 78

Seenaa Saba Israaʼel

Maskiilii Asaaf.

1Yaa saba ko, barsiisa koo dhagaʼaa;
dubbii afaan koo dhaggeeffadhaa.
2Ani fakkeenyaan afaan koo nan banadha;
waan durumaa jalqabee dhokfames nan dubbadha.
3Kunis waanuma nu dhageenyee fi waanuma nu beeknu,
waan abbootiin keenya nutti himanii dha.
4Nus waan kana ijoollee isaanii duraa hin dhoksinu;
hojii Waaqayyoo ulfina qabeessa sana,
humna isaatii fi dinqii inni hojjete,
dhaloota itti aanutti ni himna.
5Inni Yaaqoobiif sirna dhaabe;
Israaʼeliif immoo seera kenne;
waan kana illee akka isaan

ijoollee isaanii barsiisaniif,
abbootii keenya ajaje;
6kunis akka dhaloonni itti aanu beeku,
akka ijoolleen amma iyyuu hin dhalatin beekan,
isaanis akka ijoollee isaaniitti dabarsanii himaniif.
7Yoos isaan Waaqa amanatu;
ajaja isaas ni eegu malee hojii isaa hin irraanfatan.
8Isaan akka abbootii isaanii,
akka dhaloota mata jabeessaa fi fincilaa,
warra garaan isaanii Waaqaaf hin ajajamnee,
akka warra hafuurri isaanii isaaf hin amanamin sanaa hin taʼan.

9Namoonni Efreem xiyya qabatanii turan;
taʼus gaafa lolaa duubatti deebiʼan.
10Isaan kakuu Waaqaa hin eegne;
seera isaattis buluu didan.
11Isaan hojii inni hojjete,
dinqii inni isaanitti argisiises ni irraanfatan.
12Inni fuula abbootii isaanii duratti,
biyya Gibxi kutaa Zooʼaanitti waan nama dinqisiisu hojjete.
13Inni galaana gargar qoodee gidduun isaan dabarse;
bishaan sanas akkuma keenyan manaa dhaabachiise.
14Guyyaa duumessaan, halkan guutuu immoo
ifa ibiddaatiin isaan geggeesse.
15Inni gammoojjii keessatti kattaa dayyaasee
bishaan akka galaanaa baayʼatu isaanii kenne.
16Kattaa keessaa burqaa burqisiisee
akka bishaan akkuma lagaatti yaaʼu godhe.

17Isaan garuu gammoojjii keessatti Waaqa Waan Hundaa Oliitti fincilan;
ittuma fufaniis isatti cubbuu hojjetan.
18Isaan nyaata dharraʼanii, “Fidi” jechuudhaan
beekumsa Waaqaa qoran.
19Akkana jedhanii Waaqa hamatan;
“Waaqni gammoojjii keessatti maaddii qopheessuu dandaʼaa?
20Inni kattaa rukunnaan bishaan humnaan keessaa burqe;
burqaan guutee irraan dhangalaʼe.
Garuu inni nyaata nuu kennuu dandaʼaa?
Saba isaatiifis foon kennuu dandaʼaa?”
21 Waaqayyo yommuu waan kana dhagaʼetti baayʼee aare;
Yaaqoob irratti ibiddi isaa ni qabsiifame;
dheekkamsi isaas Israaʼelitti dhufe;
22isaan Waaqa hin amananneetii;
fayyisuu isaattis hin amanne.
23Inni garuu samii gubbaatiif ajaja kenne;
balbala samiis ni bane;
24akka isaan nyaataniif mannaa gad roobseef;
midhaan samiis isaaniif kenne.
25Namoonni buddeena ergamoota Waaqayyoo nyaatan;
inni waan isaan nyaatanii quufan ergeef.
26Inni akka bubbeen baʼa biiftuu samii keessaa bubbisu godhe;
bubbee kibbaas humna ofii isaatiin oofe.
27Foon akkuma awwaaraatti, simbirroota barrisanis
akkuma cirracha galaanaatti gad isaaniif roobse.
28Innis akka isaan qubata isaanii keessatti
naannoo dunkaanota isaaniitti gad harcaʼan godhe.
29Isaanis nyaatanii quufan;
inni waan isaan dharraʼan isaaniif kenneeraatii.
30Garuu utuu isaan nyaata dharraʼan sana hin quufin,
utuma nyaanni sun afaan isaanii keessa jiruu,
31dheekkamsi Waaqaa isaanitti dhufe;
innis isaan keessaa warra jajjabeeyyii galaafate;
dargaggeeyyii Israaʼelis ni fixe.

32Isaan waan kana hunda irra darbanii cubbuu hojjechuutti fufan;
dinqii isaattis hin amanne.
33Kanaafuu inni akka barri isaanii faayidaa malee darbu,
akka waggoonni isaaniis sodaadhaan dhuman godhe.
34Yeroo Waaqni isaan ajjeese kamitti iyyuu,

isaan isa barbaaddatan;
isaan ammas fedhiidhaan gara isaatti deebiʼan.
35Akka Waaqni Kattaa isaanii taʼe,
akka Waaqni Waan Hundaa Olii Furii isaanii taʼe yaadatan.
36Isaan garuu afaan isaaniitiin isa saadan;
arraba isaaniitiinis isa soban;
37garaan isaanii isaaf amanamaa hin turre;
isaan kakuu isaatiif hin amanamne.
38Inni garuu araara qabeessa waan taʼeef,
cubbuu isaanii ni dhiiseef malee isaan hin fixne.
Inni yeroo yerootti aarii isaa ittifate;
dheekkamsa isaa hundaas hin kakaafne.
39Innis akka isaan nama duʼa hin oolle,
qilleensuma darbu kan deebiʼee hin dhufne taʼan yaadate.

40Isaan hammam gammoojjii keessatti isatti fincilanii
gammoojjii keessattis isa gaddisiisan
41Isaan ammumaa amma Waaqa qoran;
Qulqullicha Israaʼel sanas ni aarsan.
42Isaan humna isaa yookaan guyyaa inni itti
diinota isaanii jalaa isaan baase hin yaadanne.
43Guyyaa inni itti biyya Gibxi keessatti mallattoo isaa,
kutaa Zooʼaan keessatti immoo dinqii isaa argisiise isaan hin yaadanne.
44Inni lageen isaanii dhiigatti geeddare;
isaanis burqaawwan isaanii dhuguu hin dandeenye.
45Innis tuuta tisiisaa kan isaan balleessu,
fattee isaan barbadeessu itti erge.
46Midhaan isaanii ilmaan hawwaannisaatiif,
buʼaa dadhabbii isaanii immoo hawwaannisaaf kenne.
47Muka wayinii isaanii cabbiidhaan,
harbuu isaanii immoo dhaamocha hamaan dhaʼe.
48Loon isaanii cabbiif,
horii isaanii immoo bakakkaaf dabarsee kenne.
49Inni ergamoota badiisa fidan isaanitti erguudhaan
aarii isaa sodaachisaa, dheekkamsa isaa,
dallansuu isaatii fi rakkoo isaanitti gad lakkise.
50Inni aarii isaatiif daandii qopheesse;
lubbuu isaanii dabarsee dhaʼichatti kenne malee
duʼa isaan hin oolchine.
51Hangafoota Gibxi hunda,
ilmaan jalqabatti dhalatanis dunkaana Haam keessatti dhaʼe.
52Saba isaa garuu akkuma nama bushaayee bobbaasuutti achii baase;
akkuma hoolaas gammoojjii keessa isaan geggeesse.
53Inni nagaadhaan isaan geggeesse;

kanaafuu isaan homaa hin sodaanne;
diinota isaanii garuu galaanatu liqimse.
54Innis gara daarii biyya isaa qulqulluutti,
gara biyya gaaraa kan harki isaa mirgaa fudhateetti isaan galche.
55Inni ormoota isaan duraa ariʼe;
lafa jaraas dhaala godhee isaanii qoode;
gosa Israaʼelis dunkaana isaanii keessa qubachiise.

56Isaan garuu Waaqa qoran;
Waaqa Waan Hundaa Oliitti fincilan;
ajaja isaas hin eegne.
57Akkuma abbootii isaanii duubatti deebiʼan; amanamuus ni didan;
akka iddaa micciiramaattis jajalʼatan.
58Isaan iddoowwan sagadaa isaanii kanneen gaarran irraatiin isa aarsan;
waaqota isaanii tolfamoodhaanis hinaaffaadhaaf isa kakaasan.
59Waaqnis yeroo isaan dhagaʼetti akka malee dheekkame;
guutumaan guutuuttis Israaʼelin gate.
60Innis iddoo jireenya isaa kan Shiiloo keessaa,
dunkaana inni namoota gidduu dhaabbate sanas ni dhiise.
61Humna isaa boojuutti,
ulfina isaa immoo harka diinaatti dabarsee kenne.
62Saba isaa dabarsee goraadeef kenne;
handhuuraa isaattis akka malee dheekkame.
63Dargaggoota isaanii ibiddatu fixe;
durboota isaaniitiifis sirbi heerumaa hin sirbamne;
64luboonni isaanii goraadeedhaan dhuman;
niitonni dhirsoonni irraa duʼan immoo booʼuu hin dandeenye.

65Gooftaanis akkuma waan hirribaa dammaquutti,
akkuma goota sababii wayiniitiin iyyuuttis dammaqe.
66Inni diinota isaa rukutee duubatti deebise;
qaanii bara baraa keessas isaan buuse.
67Dunkaanota Yoosef ni tuffate;
gosa Efreemis hin filanne;
68inni garuu gosa Yihuudaa,
Tulluu Xiyoon kan jaallatu sana ni filate.
69Mana qulqullummaa isaa akka samii ol dheeraatti,
akka lafa bara baraan hundeesseettis ijaare.
70Inni Daawit garbicha isaa ni filate;
dallaa hoolotaa keessaas isa waammate;
71akka inni saba isaa Yaaqoobin,
handhuuraa isaa Israaʼelin tiksuuf jedhee
hoolota tiksuu irraa isa fide.
72Daawitis garaa qajeelaadhaan isaan tikse;
ogummaa harka isaatiinis isaan dura buʼe.
Copyright information for GazHAHl