‏ Psalms 79

Faaruu Booʼichaa Biyyoolessaa

Faarfannaa Asaaf.

1Yaa Waaqi, namoonni ormaa handhuuraa kee qabataniiru;
mana qulqullummaa kee qulqullicha xureessaniiru;
Yerusaaleminis barbadeessaniiru.
2Akka isaan nyaata isaaniif taʼaniif,
reeffa garboota keetii allaattii samiitiif,
foon qulqulloota keetii immoo bineensota lafaatiif kennaniiru.
3Dhiiga isaaniis naannoo Yerusaalemitti
akkuma bishaanii dhangalaasan;
namni isaan awwaalu tokko illee hin argamne.
4Ollaa keenya biratti maqaan nu badeera;
warra naannoo keenya jiran birattis nama tuffii fi kolfaa taane.

5Yaa Waaqayyo, kun hamma yoomiitti?
Ati hamma bara baraatti aartaa?
Hinaaffaan kees hamma yoomiitti akka ibiddaa bobaʼa?
6Dheekkamsa kee sana saboota si hin beekne irratti,
mootummoota maqaa kee hin waammanne irratti

gad dhangalaasi;
7isaan Yaaqoobin liqimsaniiruutii;
iddoo jireenya isaas balleessaniiru.

8Cubbuu abbootii keenyaa nutti hin herregin;
waan nu baayʼee gad deebifamneef,
araarri kee dafee nu bira haa gaʼu.
9Yaa Waaqi Fayyisaa keenya,
ulfina maqaa keetiitiif jedhii nu gargaari;
maqaa keetiif jedhiitii nu oolchi;
cubbuu keenya illee nuu dhiisi.
10Ormoonni maaliif,
“Waaqni isaanii eessa jira?” jedhu ree?

Dhiiga tajaajiltoota keetii kan dhangalaafame sanaaf,
akka haaloo baaftu ija keenya duratti saboota gidduutti beeksisi.
11Aaduun hidhamtootaa fuula kee dura haa gaʼu;
jabina irree keetiitiin warra duuti itti murame oolchi.
12Yaa Gooftaa, arraba isaan ittiin si arrabsan,
dachaa torba godhiitii ollaa keenyatti deebisi.
13Yoos nu sabni kee, hoolonni tika keetii,
bara baraan si jajanna;
dhalootaa hamma dhalootaattis,
galata kee ni odeessina.
Copyright information for GazHAHl