Psalms 80
Haaromfama Israaʼeliif Waaqa kadhachuu
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Yeedaloo, “Daraaraa Kakuutiin” Faarfatame. Faarfannaa Asaaf. 1Yaa tiksee saba Israaʼel,kan akkuma bushaayeetti Yoosefin geggeessitu nu dhagaʼi;
ati kan kiirubeel gidduu teessoo irra teessu, ifiitii mulʼadhu.
2Fuula Efreem, Beniyaamii fi Minaasee duratti
humna kee sochoosi; kottuutii nu fayyisi.
3Yaa Waaqi, iddoo keenyatti nu deebisi;
akka fayyinuufis fuula kee nurratti ibsi.
4Yaa Waaqayyo, Waaqa Waan Hunda Dandeessu,
ati hamma yoomiitti kadhannaa saba keetiitti aarta?
5Ati buddeena imimmaanii isaan nyaachifte;
imimmaan waciitii guutuus isaan obaafte.
6Ati akka olloonni keenya nu tuffatan goote;
diinonni keenyas nutti qoosu.
7Yaa Waaqa Waan Hunda Dandeessu, iddoo keenyatti nu deebisi;
akka nu fayyinuufis fuula kee nurratti ibsi.
8Ati muka wayinii biyya Gibxii buqqiftee fidde;
ormootas ariitee muka sana dhaabde.
9Mukichaafis lafa qopheessite;
mukni sunis hidda gad fageeffatee biyyattii guute.
10Tulluuwwan gaaddisa isaatiin,
birbirsawwan gurguddaanis dameewwan isaatiin haguugaman.
11Innis dameewwan isaa gara Galaanaatti,
lata isaas hamma Lagaatti diriirfate.
12Yoos ati maaliif akka namni achiin darbu hundinuu
ija isaa ciratu gochuuf jettee dallaa isaa diigde ree?
13Kormi booyyee bosona keessaa baʼee isa ni balleessa;
bineensi dirrees isa ni nyaata.
14Yaa Waaqa Waan Hunda Dandeessu, si kadhannaa gara keenyatti deebiʼi!
Samii irraa gad ilaalii argi!
Muka wayinii kana eegi;
15mukni kun muka wayinii kan harki kee mirgaa dhaabee dha;
biqiltuu ati ofii keetiif guddifattee dha.
16Wayiniin kee ciramee ibiddaan gubameera;
sabni kees dheekkamsa keetiin bada.
17Harki kee namicha karaa harka kee mirgaa jiru irra,
ilma namaa kan ati ofii keetiif guddifatte irra haa boqotu.
18Yoos nu sirraa hin garagallu;
jireenya nuu kenni; nus maqaa kee ni waammannaa.
19Yaa Waaqayyo, Waaqa Waan Hunda Dandeessu
iddoo keenyatti nu deebisi;
akka nu fayyinuufis fuula kee nurratti ibsi.
Copyright information for
GazHAHl