Psalms 81
Ayyaana Daasiitiif
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Asaaf Kan Gitiitiidhaan Faarfatamu. 1Waaqa jabina nuu taʼeef gammachuudhaan faarfadhaa;Waaqa Yaaqoobiitiif gammachuudhaan ililchaa!
2Faarfachuu jalqabaa; dibbees rukutaa;
baganaa fi kiraara sagalee gaarii qabu rukutaa.
3Yeroo Baatiin dhalattu, yommuu jiʼi goobanutti,
guyyaa ayyaana keenyaa malakata afuufaa;
4kun seera Israaʼeliif kenname,
ajaja Waaqa Yaaqoob.
5Inni yeroo biyya Gibxi dhaʼuuf baʼetti,
waan kana Yoosefiif seera godhee dhaabe.
Anis afaan duraan hin beekin tokko dhagaʼe.
6Innis akkana jedhe; “Ani gatiittii isaanii irraa baʼaa buuseera;
harki isaanis guuboo baachuu jalaa baʼe.
7Ati dhiphina kee keessatti na waammatte; anis sin oolche;
anis lafa bakakkaan itti dhokatu keessaa deebii siifin kenne;
bishaan Mariibaa birattis sin qore.
8“Yaa saba koo dhagaʼi; ani siin akeekkachiisa;
yaa Israaʼel ati utuu na dhaggeeffate!
9Waaqni ormaa tokko iyyuu isin gidduu hin jiraatin;
ana malee waaqa biraa hin waaqeffatin.
10Ani Waaqayyo Waaqa kee,
kan Gibxii baasee isin fidee dha.
Afaan kee balʼisii banadhu; ani nan guutaa.
11“Sabni koo garuu na hin dhaggeeffanne;
Israaʼel anaaf hin bulle.
12Kanaafuu ani akka isaan karaa fedhii isaanii deemaniif
dabarsee mata jabina isaaniitti isaan kenne.
13“Utuu sabni koo na dhaggeeffatee,
utuu Israaʼel karaa koo irra deemee jiraatee,
14ani silaa akkam dafee diinota isaanii jilbeenfachiisee
harka koos amajaajota isaaniitti nan kaasa ture!
15Warri Waaqayyoon jibban fuula isaa duratti ni gugguufu;
adabbiin isaaniis bara baraan itti fufa.
16Ani garuu qamadii qulqulluu isin soora;
damma kattaa keessaa baafames isinan quubsa.”
Copyright information for
GazHAHl