Psalms 83
Kadhannaa Diinota Israaʼel Irratti Dhiʼaate
Faarfannaa Asaaf. 1Yaa Waaqi gab hin jedhin;yaa Waaqi, hin calʼisin;
akkasumattis hin dhiisin.
2Diinonni kee akkam akka kakaʼan,
warri si jibbanis akkam akka mataa ol qabatan ilaali.
3Isaan saba keetti daba karoorfatu;
warra ati eegdutti mariʼatu.
4Isaanis, “Kottaa akka maqaan Israaʼel lammata hin yaadatamneef,
akka isaan saba hin taaneef isaan barbadeessinaa” jedhu.
5Isaan yaada tokkoon walii galu;
sittis ni gurmaaʼu;
6isaanis dunkaanota Edoom, Ishmaaʼeeloota,
Moʼaabii fi gosa Aggaar,
7Gebaal, Amoonii fi Amaaleq,
Filisxeemii fi namoota biyya Xiiroos wajjin turan.
8Warri Asooriis, ilmaan Looxiitiif irree jabaa
taʼuudhaaf isaanitti makaman.
9Ati akkuma Midiyaanin goote,
akkuma laga Qiishooniitti Siisaaraa fi Yaabiinin goote sana isaan godhi;
10isaan Eendooritti dhumanii
akkuma kosii lafaa taʼan.
11Gurguddoota isaanii akka Hereebiitii fi Zeʼeeb,
ilmaan mootota isaanii immoo akka Zebaa fi Zalmunaa godhi;
12isaan warra, “Kottaa, lafa tika Waaqaa fudhannee
kan dhuunfaa keenyaa godhannaa” jedhanii dha.
13Yaa Waaqa ko, akka awwaara bubbeen fudhatuu,
akka habaqii qilleensi bittinneessuu isaan godhi.
14Akkuma ibiddi bosona balleessu,
yookaan akkuma arrabni ibiddaa tulluuwwan gubu,
15atis akkasuma aarii keetiin isaan gugsi;
bubbee keetiin isaan sodaachisi.
16Yaa Waaqayyo, akka isaan maqaa kee barbaaddataniif,
fuula isaanii qaaniin haguugi.
17Isaan yeroo hunda qaanaʼanii haa dhiphatan;
salphinaanis haa badan.
18Isaan akka ati kan maqaan kee Waaqayyo taʼe sun qofti,
lafa hundumaa irratti Waaqa Waan Hundaa Olii taate haa beekan.
Copyright information for
GazHAHl