Psalms 85
Kadhannaa Nagaaf Dhiʼaate
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. 1Yaa Waaqayyo, ati lafa keetiif arjoomteerta;boojuu Yaaqoobis deebifteerta.
2Ati balleessaa uummata keetii dhiifteertaaf;
cubbuu isaanii hundumaas dhoksiteerta.
3Dheekkamsa kee hunda fageessiteerta;
aarii kee sodaachisaa sana irraas deebiteerta.
4Yaa Waaqa Fayyisaa keenya, iddoo keenyatti nu deebisi;
dheekkamsa kees nurraa qabi.
5Ati bara baraan nutti aartaa? Dheekkamsa kee
dhaloota tokko irraa dhaloota kaanitti dabarsitaa?
6Akka sabni kee sitti gammaduuf,
ati lubbuu nutti hin deebiftuu?
7Yaa Waaqayyo, araara kee nutti mulʼisi;
fayyina kees nuu kenni.
8Ani waan Waaqayyo Waaqni jedhu nan dhaggeeffadha;
inni saba isaa qulqullootaaf nagaa abdachiisa;
isaan garuu gara gowwummaatti hin deebiʼin.
9Akka ulfinni isaa lafa keenya irra jiraatuuf,
fayyisuun isaa dhugumaan warra isa sodaatanitti dhiʼoo jira.
10Jaalallii fi amanamummaan wal gaʼan;
qajeelummaa fi nagaan wal dhungatan.
11Amanamummaan lafa keessaa burqa;
qajeelummaan immoo samii irraa gad ilaala.
12 Waaqayyo dhugumaan waan gaarii ni kenna;
lafti keenyas midhaan ishee ni kenniti.
13Qajeelummaan fuula isaa dura deema;
miilla isaatiifis karaa qopheessa.
Copyright information for
GazHAHl