‏ Psalms 93

Miidhagina Waaqayyoo

1Waaqayyo ni moʼa; surraas ni uffata;
Waaqayyo surra ni uffata; jabinas hidhata.
Addunyaan cimtee dhaabamteerti; hin sochoofamtus.
2Teessoon kee durumaa jalqabee cimee dhaabateera;
ati durii duriitii jalqabdee jirta.

3Yaa Waaqayyo, galaanonni ol kaasaniiru;
galaanonni sagalee isaanii ol kaafataniiru;
galaanonni huursuu isaanii ol kaafataniiru.
4Sagalee bishaan baayʼee caalaa,
jabina dhaʼaa galaanaa caalaas,
Waaqayyo ol gubbaa jiru sun humna qabeessa.

5Seerri kee jabaatee ni dhaabata;
Yaa Waaqayyo, qulqullummaan bara baraan
faaya mana keetii ti.
Copyright information for GazHAHl