Psalms 97
Moʼachuu Waaqayyo
1Waaqayyo moʼeera; lafti haa gammaddu;biyyoonni qarqara galaanaa hedduunis haa ililchan.
2Duumessaa fi dukkanni limixiin isa marsaniiru;
qajeelummaa fi murtii qajeelaan hundee teessoo isaa ti.
3Ibiddi fuula isaa dura deemee
diinota isaa naannoo isaatii fixa.
4Balaqqeen isaa addunyaa ibsa;
laftis argitee hollatti.
5Tulluuwwan fuula Waaqayyoo duratti,
fuula Gooftaa lafa hundumaa durattis akkuma gagaa baqu.
6Samiiwwan qajeelummaa isaa labsu;
saboonni hundinuus ulfina isaa argu.
7Warri fakkii waaqeffatan,
kanneen waaqota tolfamoon of jajan hundi haa qaaneffaman;
isin waaqonni hundinuus isa waaqeffadhaa!
8Yaa Waaqayyo, sababii murtii keetiitiif,
Xiyoon dhageessee ililchiti;
gandoonni Yihuudaas ni gammadu.
9Yaa Waaqayyo, ati lafa hundumaa irratti Waaqa Waan Hundaa Olii ti;
ati waaqota hundumaa irra akka malee ol ol jetteerta.
10Sababii inni lubbuu amanamoota isaa eegee,
harka hamootaa jalaa isaan baasuuf,
warri Waaqayyoon jaallatan hammina haa jibban.
11Qajeeltota irratti ifni ni ifa;
gara tolootaafis gammachuun ni dhufa.
12Isin qajeeltonni Waaqayyotti gammadaa;
maqaa isaa qulqulluus galateeffadhaa.
Copyright information for
GazHAHl