Psalms 98
Abbaa Murtii Addunyaa Hundaa
Faarfannaa. 1Waaqayyoof faarfannaa haaraa faarfadhaa;inni dinqii hojjeteeratii;
harki isaa inni mirgaatii fi irreen isaa qulqulluun,
akka inni moʼannaa argatu godhaniiru.
2 Waaqayyo akka fayyisuun isaa beekamu godheera;
qajeelummaa isaas sabootatti mulʼiseera.
3Inni jaalala isaatii fi amanamummaa isaa
mana Israaʼeliif yaadateera;
daariin lafaa hundinuu,
fayyisuu Waaqa keenyaa arganiiru.
4Lafti hundinuu Waaqayyoof ililchaa;
faarfannaa gammachuutiin iyyaa; weedduu galataas weeddisaa;
5baganaadhaan faarfannaa galataa,
baganaa fi sagalee weedduutiin Waaqayyoof faarfadhaa;
6malakataa fi sagalee gaanfaatiin,
fuula Waaqayyo mootichaa duratti ililchaa.
7Galaannii fi wanni isa keessa jiru hundinuu,
addunyaa fi wanti ishee keessa jiraatu hundinuu haa huursan.
8Lageen harka isaanii haa rurrukutan;
tulluuwwanis tokkummaadhaan haa ililchan;
9isaan fuula Waaqayyoo duratti haa faarfatan;
inni lafatti murteessuu ni dhufaatii.
Inni addunyaaf qajeelummaadhaan,
namootaaf immoo utuu wal hin caalchisin murtii kenna.
Copyright information for
GazHAHl