Psalms 100
Gorsa Galata Galchuu
Faarfannaa Galataa. 1Lafti hundinuu Waaqayyoof ililchaa.2Gammachuudhaan Waaqayyoon waaqeffadhaa;
faarfannaa gammachuutiinis fuula isaa duratti dhiʼaadhaa.
3Akka Waaqayyo Waaqa taʼe beekaa;
isattu nu uume; nu kan isaa ti;
nu saba isaa ti; hoolota tika isaa jala jirruu dha.
4Galateeffachuudhaan karrawwan isaa,
jajachuudhaanis oobdii isaa seenaa;
isa galateeffadhaa; maqaa isaa illee eebbisaa.
5 Waaqayyo gaariidhaatii; araarri isaa kan bara baraa ti;
amanamummaan isaas dhalootaa gara dhalootaatti itti fufa.
Copyright information for
GazHAHl