‏ Psalms 102

Kadhannaa Yeroo Rakkinaa

Kadhannaa Namni Dhiphate Tokko Faaruu Booʼichaa Faarsee Fuula Waaqayyoo Duratti Dhiʼeeffatu.

1Yaa Waaqayyo, kadhannaa koo naa dhagaʼi;
iyyi ani gargaarsaaf iyyadhus si bira haa gaʼu.
2Yeroo ani dhiphadhetti,
fuula kee na duraa hin dhoksin.
Gurra kee gara kootti deebisi;
yommuu ani si waammadhu dafiitii deebii naa kenni.

3Barri koo akkuma aaraatti ni badaatii;
lafeen koos akkuma barbadaa ibiddaa bobaʼaa jira.
4Garaan koo dhukkubsatee akkuma margaa coollageera;
ani nyaata koo nyaachuu irraanfadheera.
5Sababii ani guddisee aaduuf,
lafeen koo gogaa kootti maxxaneera.
6Ani akka urunguu gammoojjii,
akka urunguu lafa barbadaaʼe keessaa nan taʼe.
7Ani hirriba malee nan bula;
akka simbirroo kophaa ishee guutuu manaa irra jirtuus taʼeera.
8Diinonni koo guyyaa guutuu na arrabsu;
warri natti qoosanis abaarsaaf maqaa kootti fayyadamu.
9Ani akkuma buddeenaatti daaraa nyaadheeraattii;
dhugaatii koottis imimmaan makadheera;
10kunis sababii aarii fi dheekkamsa keetiitiif natti dhufe;
ati ol na fuutee gad na darbatteertaatii.
11Barri koo akkuma gaaddidduu galgalaa ti;
anis akkuma margaa gogeera.

12Yaa Waaqayyo, ati bara baraan teessoo irra jirta;
yaadannoon kees dhaloota hundatti darba.
13Ati kaatee Xiyooniif garaa ni laafta;
yeroon itti isheen fudhatama argachuu qabdu ammumaatii;
yeroon murteeffame sun gaʼeeraa.
14Garboonni kee dhagaa isheetti gammaduutii;
biyyoo ishees ni mararfatu.
15Saboonni maqaa Waaqayyoo ni sodaatu;
mootonni lafaa hundinuus ulfina kee ni kabaju.
16 Waaqayyo deebisee Xiyoonin ijaaraatii;
ulfina isaatiinis ni mulʼata.
17Inni kadhannaa gadadamtootaa ni dhagaʼa;
waammata isaaniis hin tuffatu.

18Akka sabni hamma ammaatti hin dhalatin Waaqayyoon galateeffatuuf,
wanni kun akkana jedhamee dhaloota dhufuuf haa barreeffamu:
19Waaqayyo iddoo qulqullummaa isaa gubbaa irraa gad ilaale;
samii irraas gara lafaa gad milʼate;
20kanas aaduu warra hidhamanii dhagaʼuu fi
warra duuti itti murame baasuudhaaf hojjete.”
21Akkasiin maqaan Waaqayyoo Xiyoon keessatti,
galanni isaas Yerusaalem keessatti ni labsama;
22kunis yommuu saboonnii fi mootummoonni,
Waaqayyoon waaqeffachuuf walitti qabamanitti taʼa.

23Inni jabina koo karaatti hambise;
umurii koos ni gabaabse.
24Anis akkanan jedhe:
“Yaa Waaqa ko, walakkaa umurii kootti na hin fudhatin;
waggoonni kee dhalootaa hamma dhaloota hundaatti itti fufu.
25Ati jalqabatti lafa hundeessite;
samiiwwanis hojii harka keetii ti.
26Isaan ni badu; ati garuu ni jiraatta;
hundumti isaanii akkuma wayyaa ni dhumu.
Ati akkuma uffataa isaan geeddarta;
isaanis ni badu.
27Ati garuu sanuma;
umuriin kees gonkumaa dhuma hin qabu.
28Ijoolleen garboota keetii sodaa malee jiraatu;
sanyiin isaaniis fuula kee dura jiraata.”
Copyright information for GazHAHl