Psalms 108
Faarfannaa Ganamaatii Fi Kadhannaa Biyyoolessaa
108:1‑5 kwf – Far 57:7‑11
108:6‑13 kwf – Far 60:5‑12
Faarfannaa Daawit. 1Yaa Waaqi, garaan koo hin raafamu; ani nan faarfadha;lubbuu koo guutuudhaanis sin galateeffadha.
2Yaa kiraaraa fi baganaa dammaqaa!
Anis ganamaan nan dammaqa.
3Yaa Waaqayyo, ani saboota gidduutti galata siif nan galcha;
namoota gidduuttis waaʼee kee nan faarfadha.
4Jaalalli kee guddaa dha; samiiwwanis caalaa ol dheeraadhaatii;
amanamummaan kees samiiwwan qaqqaba.
5Yaa Waaqi, ati samiiwwaniin olitti ol ol jedhi;
ulfinni kees lafa hunda irra haa jiraatu.
6Akka warri ati jaallattu furamaniif,
harka kee mirgaatiin nu oolchi; nu gargaaris;
7Waaqni iddoo qulqullummaa isaatii akkana jedhee dubbateera:
“Ani gammachuudhaan Sheekemin gargar nan qooda;
Sulula Sukootis nan safara.
8Giliʼaad kan koo ti; Minaaseenis kan koo ti;
Efreem gonfoo sibiilaa koo ti;
Yihuudaanis bokkuu mootummaa koo ti.
9Moʼaab caabii dhiqannaa koo ti;
Edoom irra kophee koo darbadhee nan buusa;
Filisxeem irrattis moʼannaadhaan nan geerara.”
10Eenyutu magaalaa jabeeffamtee ijaaramtetti na fida?
Eenyutu Edoomitti na geessa?
11Yaa Waaqi kan nu gatte,
kan loltoota keenya wajjin baʼuu diddes suma mitii?
12Diina keenya of irraa dhowwuu nu gargaar,
gargaarsi namaa faayidaa hin qabuutii.
13Nu Waaqa wajjin ni moʼanna;
innis diinota keenya gad dhidhiita.
Copyright information for
GazHAHl