‏ Psalms 11

Waaqa Amanachuu

Dura buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit.

1Ani Waaqayyotti kooluu galeera.
Yoos isin akkamitti lubbuu kootiin akkana jechuu dandeessu:
“Ati akkuma simbirroo tulluu keetti barrisi.
2Kunoo namoonni hamoon iddaa isaanii dabsataniiru;
isaan warra toloota taʼan,
dukkana keessa waraanuuf jedhanii,
xiyya isaanii ribuutti dhaabbataniiru.
3Yoo hundeewwan diigaman, namni qajeelaan
maal gochuu dandaʼa?”

4 Waaqayyo mana qulqullummaa isaa qulqulluu sana keessa jira;
teessoon Waaqayyoo samii irra jira.
Inni ilmaan namootaa ni ilaala;
iji isaas namoota ni qora.
5 Waaqayyo qajeeltotaa fi jalʼoota ni qora;
lubbuun isaa garuu nama goolii jaallatu ni jibbiti.
6Inni hamoota irratti, barbadaa ibiddaatii fi
dinyii bobaʼu ni roobsa;
qoodni isaaniis bubbee finiinaa dha.

7 Waaqayyo waan qajeelaa taʼeef,
murtii qajeelaa jaallata;
toloonnis fuula isaa ni argu.
Copyright information for GazHAHl