Psalms 111
Hojii Waaqayyoo Dinqisiifachuu
1Haalleluuyaa.Ani waldaa tolootaatii fi wal gaʼii keessatti,
garaa koo guutuudhaan Waaqayyoon nan galateeffadha.
2Hojiin Waaqayyoo guddaa dha;
warri itti gammadan hundinuus irra deddeebiʼanii yaadan.
3Hojiin isaa surra qabeessaa fi kabajamaa dha;
qajeelummaan isaas bara baraan jiraata.
4Inni akka dinqiin isaa yaadatamu godheera;
Waaqayyo arjaa fi gara laafessa.
5Inni warra isa sodaataniif nyaata kenna;
kakuu isaas bara baraan ni yaadata.
6Lafa saboota kaanii isaaniif
kennuudhaan humna hojii isaa saba isaatti mulʼiseera.
7Hojiin harka isaa amanamaa fi qajeelaa dha;
ajajni isaa hundinuus amanamaa dha.
8Isaanis bara baraa hamma bara baraatti jabaatanii dhaabatu;
amanamummaa fi qajeelummaadhaanis hojjetamu.
9Inni saba isaatiif furii ergeera;
kakuu isaas bara baraan ajajeera;
maqaan isaa qulqulluu fi sodaachisaa dha.
10 Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti;
warri sirna isaa faana buʼan hundinuu hubannaa gaarii qabu.
Galanni isaa bara baraan jiraata.
Copyright information for
GazHAHl