Psalms 113
Galata Waaqayyoof Dhiʼeeffame
1Haalleluuyaa.Yaa tajaajiltoota Waaqayyoo, galata galchaa;
maqaa Waaqayyoo jajadhaa.
2Ammaa hamma bara baraatti
maqaan Waaqayyoo haa eebbifamu.
3Baʼa biiftuutii hamma lixa biiftuutti,
maqaan Waaqayyoo haa jajamu.
4 Waaqayyo saba hundaa ol jira;
ulfinni isaas samiiwwanii ol.
5Kan akka Waaqayyo Waaqa keenya
isa gubbaa teessoo isaa irra taaʼu sanaa eenyu?
6Kan gad jedhee
samii fi lafa ilaalu eenyu?
7Inni hiyyeessa awwaara keessaa ni kaasa;
rakkataas tuulaa daaraa keessaa ol fuudha;
8inni bulchitoota gidduu,
bulchitoota saba isaa gidduus isaan teessisa.
9Inni akkuma haadha ijoollee kan gammachuudhaan jiraattuutti,
dubartii maseena mana ishee keessa ni jiraachisa.
Haalleluuyaa.
Copyright information for
GazHAHl