Psalms 114
Faarfannaa Faasiikaaf Dhiʼeeffamu
1Yeroo sabni Israaʼel biyya Gibxii, manni Yaaqoobissaba afaan ormaa dubbatu keessaa baʼetti,
2Yihuudaan mana qulqullummaa Waaqaa,
Israaʼel immoo bulchiinsa isaa taʼe.
3Galaanni argee baqate;
Yordaanosis duubatti deebiʼe;
4tulluuwwan akka korbeeyyii hoolaa,
gaarranis akkuma xobbaallaawwan hoolaa burraaqan.
5Yaa galaana, ati maaliif baqatte?
Yaa Yordaanos, atis maaliif duubatti deebite?
6Yaa tulluuwwan, isin maaliif akka korbeeyyii hoolaa,
yaa gaarran isinis maaliif akka xobbaallaawwan hoolaa burraaqxu?
7Yaa lafa, fuula Gooftaa duratti,
fuula Waaqa Yaaqoob duratti holladhu;
8inni kattaa gara harootti,
kattaa jabaa immoo gara burqaa bishaaniitti geeddare.
Copyright information for
GazHAHl