‏ Psalms 117

Waamicha Galataa

1Saboonni hundi Waaqayyoon jajadhaa;
isin namoonni hundinuu isa leellisaa.
2Jaalalli inni nuuf qabu guddaadhaatii;
amanamummaan Waaqayyoo bara baraan jiraata.

Haalleluuyaa.
Copyright information for GazHAHl