Psalms 118
Faarfannaa Ayyaana Daasii
1Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii;jaalalli isaa bara baraan jiraata.
2Sabni Israaʼel, “Jaalalli isaa
bara baraan jiraata” haa jedhu.
3Manni Aroonis,
“Jaalalli isaa bara baraan jiraata” haa jedhu.
4Warri Waaqayyoon sodaatan,
“Jaalalli isaa bara baraan jiraata” haa jedhan.
5Dhiphina koo keessatti ani Waaqayyotti nan iyyadhe;
innis deebii naa kenne; iddoo balʼaas na qubachiise.
6 Waaqayyo na wajjin jira; ani hin sodaadhu;
namni maal na gochuu dandaʼa?
7 Waaqayyo na wajjin jira; inni gargaaraa koo ti.
Anis diinota koo nan moʼadha.
8Nama amanachuu irra,
Waaqayyotti kooluu galuu wayya.
9Qondaaltota amanachuu irra,
Waaqayyotti kooluu galuu wayya.
10Saboonni hundinuu na marsan;
ani garuu maqaa Waaqayyootiin isaan nan barbadeesse.
11Isaan karaa hundaan na marsan;
ani garuu maqaa Waaqayyootiin isaan nan barbadeesse.
12Akkuma tuuta kanniisaa na marsan;
garuu akka qoraattii gubatuutti barbadaaʼan;
anis maqaa Waaqayyootiin isaan nan barbadeesse.
13Ani dhiibamee kufuu gaʼeen ture;
Waaqayyo garuu na gargaare.
14 Waaqayyo jabina kootii fi faarfannaa koo ti;
inni fayyina koo taʼeera.
15Sagaleen gammachuutii fi moʼannaa dunkaanota
qajeeltotaa keessaa ni dhagaʼama;
“Harki Waaqayyoo kan mirgaa waan jabaa hojjeteera!
16Harki Waaqayyo mirgaa ol qabameera;
harki Waaqayyoo mirgaa waan jabaa hojjeteera!”
17Ani nan jiraadha malee hin duʼu;
waan Waaqayyo hojjetes nan labsa.
18 Waaqayyo jabeessee na adabeera;
garuu dabarsee duʼatti na hin kennine.
19Karra qajeelummaa naa banaa;
anis ol galee Waaqayyoof galata nan galcha.
20Kun karra Waaqayyoo,
kan qajeeltonni ittiin ol galanii dha.
21Ati deebii naa kenniteertaatii, ani sin galateeffadha;
ati fayyina naa taateerta.
22Dhagaan ijaartonni tuffatan,
dhagaa golee taʼeera;
23 Waaqayyo waan kana hojjeteera;
kunis ija keenyatti dinqii dha.
24Guyyaan kun guyyaa Waaqayyo uumee dha;
kottaa ni ililchina; itti gammannas.
25Yaa Waaqayyo, si kadhannaa nu oolchi;
Yaa Waaqayyo, si kadhannaa nu milkoomsi.
26Kan maqaa Waaqayyootiin dhufu eebbifamaa dha.
Nu mana Waaqayyoo keessaa isin eebbifna.
27 Waaqayyo Waaqa;
ifa isaas nuu irratti ibseera.
Dameewwan harkatti qabadhaatii warra ayyaaneffachuu dhaqanitti makamaa;
gara gaanfawwan iddoo aarsaas dhaqaa.
28Ati Waaqa koo ti; ani sin galateeffadha;
ati Waaqa koo ti; anis sin leellisa.
29 Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii;
jaalalli isaa bara baraan jiraata.
Copyright information for
GazHAHl