‏ Psalms 124

Fayyisaa Israaʼel

Faarfannaa ol baʼuu. Faarfannaa Daawit.

1Israaʼel akkana haa jedhu:
Utuu Waaqayyo garee keenya taʼuu baatee,
2utuu Waaqayyo garee keenya taʼuu baatee,
yommuu namoonni nutti kaʼanitti,
3yommuu aariin isaanii nutti bobaʼetti,
silaa isaan utuu nu lubbuun jirruu nu liqimsu turan;
4lolaan nu liqimsee
dhaʼaan bishaanii nurra yaaʼa ture;
5bishaan hamaan
nu fudhatee bada ture.

6 Waaqayyo akka nu ilkaan isaaniitiin cicciramnuuf
dabarsee itti nu hin kennin sun haa eebbifamu.
7Akkuma simbirri kiyyoo adamsituu jalaa baatu,
nu isaan jalaa baaneerra;
kiyyoon ni ciccite;
nus jalaa baane.
8Gargaarsi keenya maqaa Waaqayyoo,
Uumaa samii fi lafa sanaa ti.
Copyright information for GazHAHl