‏ Psalms 128

Eebba Qajeeltonni Argatan

Faarfannaa Ol Baʼuu.

1Warri Waaqayyoon sodaatan,
kanneen karaa isaa irra deeman eebbifamoo dha.
2Ati buʼaa dadhabbii keetii ni nyaatta;
ni eebbifamta; jireenyis sitti tola.
3Niitiin kee mana kee keessatti,
akka muka wayinii kan ija naqatee ni taati;
ijoolleen kees naannoo maaddii keetiitti,
akka lataa muka ejersaa ni taʼu.
4Namni Waaqayyoon sodaatu
akkasitti eebbifama.

5Bara jireenya keetii guutuu,
Waaqayyo Xiyoon irraa si haa eebbisu;
atis badhaadhummaa Yerusaalem argi.
6ijoollee ijoollee keetii ni argi;
nagaan Israaʼeliif haa taʼu.
Copyright information for GazHAHl