‏ Psalms 13

Iyyata Nama Waaqa Amanatee

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit.

1
13:1 in some Bibles.
Yaa Waaqayyo, hamma yoomiitti?
Ati hamma bara baraatti na irraanfattaa?
Hamma yoomiittis fuula kee na duraa dhoksita?
2
13:1 in most Bibles.
Ani hamma yoomiittin rakkina obsee
guyyaa guutuu garaa koo keessatti gadda?
Hamma yoomiitti diinni koo narra aana?

3
13:2 in most Bibles.
Yaa Waaqayyo Waaqa ko, na ilaali; deebii illee naa kenni.
Akka ani hirriba duʼaa hin rafneefis ija kootiif ifa kenni;
4
13:3 in most Bibles.
diinni koo, “Ani isa moʼadheera” jedha;
amajaajiiwwan koos kufaatii kootti gammadu.

5
13:4 in most Bibles.
Ani garuu araara kee nan amanadha;
garaan koos fayyisuu keetti ni gammada.
6
13:5-13:6 in most Bibles.
Ani Waaqayyoof nan faarfadha;
arjummaan isaa naa baayʼateeraatii.
Copyright information for GazHAHl