‏ Psalms 130

Waamicha Gargaarsaaf Dhiʼaate

Faarfannaa ol baʼuu.

1Yaa Waaqayyo, ani boolla gad fagoo keessaa

sitti nan iyyadha;
2yaa Gooftaa, sagalee koo dhagaʼi.
Gurri kees sagalee waammata koo
xiyyeeffatee haa dhagaʼu.

3Yaa Waaqayyo, utuu ati cubbuu lakkooftee,
yaa gooftaa silaa eenyutu dhaabachuu dandaʼa?
4Garuu dhiifamni si bira jira;
kanaaf ati ni sodaatamta.

5Ani Waaqayyoon nan eeggadha; lubbuun koos isa eeggatti;
dubbii isaas nan abdadha.
6Eegdota barii lafaa eeggatan caalaa,
dhugumaan eegdota barii lafaa eeggatan caalaa
lubbuun koo Gooftaa eeggatti.

7Yaa Israaʼel, ati Waaqayyoon abdadhu;
Waaqayyo bira jaalalli dhuma hin qabne,
furiin guutuunis ni jiraatii.
8Inni mataan isaa cubbuu isaanii
hundumaa irraa Israaʼelin ni fura.
Copyright information for GazHAHl