Psalms 132
Faarfannaa Deebifamuu Taabotaa
132:8‑10 kwf – 2Sn 6:41‑42
Faarfannaa ol baʼuu. 1Yaa Waaqayyo, Daawitii firakkina inni obse hundumaa yaadadhu.
2Inni kakuu tokko Waaqayyoof kakatee
Waaqa Yaaqoob Jabaa sanaaf akkana jedhee wareege:
3“Ani mana koo ol hin seenu;
yookaan siree kootti ol hin baʼu.
4Ani ija kootiif hirriba,
baallee ija kootiitiif immoo mugaatii hin eeyyamu;
5kunis hamma ani Waaqayyoof iddoo argutti,
Waaqa Yaaqoob Jabaa sanaaf iddoo jireenyaa argutti.”
6Kunoo, Efraataatti waaʼee isaa dhageenye;
Yaaʼaarittis isa arganne:
7“Kottaa iddoo jireenya isaa dhaqnaa;
ejjeta miilla isaa jalattis kufnee waaqeffannaa.
8‘Yaa Waaqayyo kaʼiitii, gara iddoo boqonnaa keetii kottu;
atii fi taabonni jabina keetiis kottaa.
9Luboonni kee qajeelummaa haa uffatan;
qulqulloonni kees gammachuudhaan haa faarfatan.’ ”
10Sababii garbicha kee Daawitiif jedhiitii,
dibamaa kee hin gatin.
11 Waaqayyo akkana jedhee kakuu dhugaa tokko Daawitiif kakateera;
inni kakuu kana irraa duubatti hin deebiʼu:
“Ani ilmaan kee keessaa isa tokko teessoo kee irra nan teessisa;
12yoo ilmaan kee kakuu koo fi seera ani isaan barsiisu eegan,
ilmaan isaaniis akkasuma bara baraa hamma bara baraatti teessoo kee irra ni taaʼu.”
13 Waaqayyo Xiyoonin filateeraatii;
akka isheen iddoo jireenya isaa taatus fedhee akkana jedheera:
14“Kun bara baraa hamma bara baraatti iddoo jireenyaa koo ti;
kanas ani waanan fedheef, as nan jiraadha.
15Ani waan hundaan ishee nan eebbisa;
hiyyeeyyii ishee illee buddeena nan quubsa.
16Luboota isheetti fayyina nan uffisa;
qulqulloonni ishees gammachuudhaan ni faarfatu.
17“Ani achitti akka gaanfi tokko Daawitiif biqilu nan godha;
dibamaa koofis ibsaa qopheesseera.
18Diinota isaatti qaanii nan uffisa;
gonfoon mataa isaa irraa garuu ni ifa.”
Copyright information for
GazHAHl