Psalms 135
Faarfannaa Galataa
135:15‑20 kwf – Far 115:4‑11
1Haalleluuyaa.Maqaa Waaqayyoo jajadhaa;
isin garboonni Waaqayyoo isa galateeffadhaa.
2Isin warri mana Waaqayyoo keessa,
oobdii mana Waaqa keenyaa keessa tajaajiltan, isa galateeffadhaa.
3 Waaqayyo gaariidhaatii, Waaqayyoon galateeffadhaa;
inni arjaadhaatii maqaa isaatiif faarfadhaa.
4 Waaqayyo Yaaqoobin ofii isaatiif,
Israaʼelin immoo dhaala dhuunfaa isaa godhee filateeraatii.
5Ani akka Waaqayyo guddaa taʼe,
akka Gooftaan keenya waaqota hunda caalaa guddaa taʼe beeka.
6 Waaqayyo samiiwwan keessattii fi lafa irratti,
galaanotaa fi tuujuba isaanii hunda keessatti,
waan isa gammachiisu kam iyyuu ni hojjeta.
7Inni akka duumessoonni daarii lafaatii kaʼan ni godha;
bokkaa wajjin balaqqee erga;
gombisaa isaa keessaas bubbee gad baasa.
8Inni hangafoota Gibxi,
kan namaatii fi kan horii ni dhaʼe.
9Yaa Gibxi, inni gidduu keetti,
Faraʼoonii fi tajaajiltoota isaa hundatti mallattoo fi dinqii isaa ergeera.
10Inni saboota baayʼee dhaʼee
mootota jajjaboo ajjeese;
11Sihoon mootii warra Amoorotaa,
Oogi mootii Baashaanii fi mootota Kanaʼaan hunda ni ajjeese;
12lafa isaanii dhaala godhee
akka dhaala isaanii taʼuufis saba isaa Israaʼeliif kenne.
13Yaa Waaqayyo, maqaan kee bara baraan jiraata;
yaa Waaqayyo, ati dhaloota hunda keessatti ni yaadatamta.
14 Waaqayyo saba isaatiif ni falma;
tajaajiltoota isaatiifis garaa laafa.
15Waaqonni tolfamoon namoota ormaa meetii fi
warqee harka namaatiin hojjetamanii dha.
16Isaan afaan qabu; garuu dubbachuu hin dandaʼan;
ijas qabu; garuu arguu hin dandaʼan;
17gurra qabu; garuu dhagaʼuu hin dandaʼan;
yookaan hafuurri tokko iyyuu afaan isaanii keessa hin jiru.
18Warri isaan tolchan kanneen isaan amanatan hundi
akkuma isaanii taʼu.
19Yaa mana Israaʼel Waaqayyoon eebbisaa;
yaa mana Aroon Waaqayyoon eebbisaa;
20yaa mana Lewwii Waaqayyoon eebbisaa;
isin warri isa sodaattanis, Waaqayyoon eebbisaa.
21 Waaqayyo inni Yerusaalem keessa jiraatu sun,
Xiyoon irraa haa eebbifamu.
Haalleluuyaa!
Copyright information for
GazHAHl