‏ Psalms 136

Faarfannaa Wal jalaa Qabanii Faarfatan

1Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii.

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
2Waaqa waaqotaatiif galata galchaa.

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
3Gooftaa Gooftotaatiif galata galchaa:

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.

4inni kophaa isaa dinqii gurguddaa hojjeta;

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
5inni ogummaa isaatiin samiiwwan uume;

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
6inni bishaanota irratti lafa diriirse;

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
7inni ifa gurguddaa hojjete;

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
8inni akka biiftuun guyyaa mootu godhe;

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
9inni akka jiʼii fi urjiiwwan halkan moʼan godhe;

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.

10inni hangafa Gibxi dhaʼe;

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
11inni isaan gidduudhaa Israaʼelin baase;

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
12harka jabaa fi irree diriiraadhaan Israaʼelin baase;

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.

13inni Galaana Diimaa iddoo lamatti gargarii qoode;

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
14inni galaana gidduudhaan Israaʼelin dabarse;

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
15Faraʼoonii fi loltoota isaa garuu Galaana Diimaatti naqe;

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.

16inni saba ofii isaa gammoojjii keessa geggeesse;

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.

17inni mootota gurguddaa dhaʼe;

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
18inni mootota jajjaboo fixe;

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
19inni Sihoon mootii Amoorotaa ajjeese;

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
20inni Oogi mootii Baashaan ajjeese;

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
21inni biyya isaanii dhaala godhee kenne;

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
22dhaala godhee garbicha isaa Israaʼeliif kenne;

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.

23Inni yeroo nu gad deebinetti nu yaadate;

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
24inni harka diinota keenyaatii nu baase,

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
25inni uumama hundaaf soora kenna;

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.

26Waaqa samiitiif galata galchaa.

Jaalalli isaa bara baraan jiraata.
Copyright information for GazHAHl