Psalms 137
Faarfannaa Boojiʼamtootaa
1Nu yeroo Xiyoonin yaadannetti,lageen Baabilon bira teenyee boonye.
2Achittis kiraara keenya
muka alaltuutti fannifne;
3achitti warri nu boojiʼan faarfannaa, warri nu dhiphisanis,
“Faarfannaawwan Xiyoon keessaa tokko nuu faarfadhaa!”
jedhanii akka nu faarfannaa gammachuu isaaniif faarfannu nu gaafatan.
4Nu utuu biyya ormaa jirruu,
akkamitti faarfannaa Waaqayyoo faarfachuu dandeenya?
5Yaa Yerusaalem, yoo ani si irraanfadhe,
harki koo mirgaa ogummaa isaa haa irraanfatu.
6Yoo ani si yaadachuu baadhe,
yoo ani gammachuu koo guddichaa olitti
Yerusaalemin ilaaluu baadhe,
arrabni koo laagaa kootti haa maxxanu.
7Yaa Waaqayyo, waan warri Edoom
gaafa Yerusaalem diigamte jedhan sana yaadadhu;
isaanis, “Ishee diigaa!
Hamma hundee isheetti ishee diigaa!” jedhanii iyyan.
8Yaa intala Baabilon, kan baduudhaaf qophoofte,
inni waan ati nu goote sanaaf,
gatii kee siif kennu eebbifamaa dha.
9Inni daaʼimman kee qabee
dhagaa irratti caccabsu sun eebbifamaa dha.
Copyright information for
GazHAHl