‏ Psalms 14

Namoota Waaqaaf Hin Bulle

14:1‑7 kwf – Far 53:1‑6

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit.

1Gowwaan garaa isaatti,
“Waaqni hin jiru” jedha.
Isaan xuraaʼaniiru; hojiin isaaniis jibbisiisaa dha;
namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru.

2 Waaqayyo yoo namni waa hubatu,
kan Waaqas barbaadu, tokko iyyuu jiraate arguuf jedhee,
samii irraa ilmaan namootaa gad ilaala.
3Hundinuu dogoggoraniiru; hundi isaaniis xuraaʼaniiru;
namni waan gaarii hojjetu tokko hin jiru;
tokkumti iyyuu hin jiru.

4Warri hammina hojjetan
kanneen akkuma waan buddeena nyaataniitti saba koo nyaatan,
warri Waaqayyoon hin waammanne hundinuu homaa hin beekanii?
5Isaan sodaadhaan liqimfamaniiru;
Waaqni dhaloota qajeeltotaa wajjin jiraatii.
6Isin jalʼoonni karoora hiyyeeyyii jalaa fashaleessitu;
Waaqayyo garuu daʼoo isaanii ti.

7Maaloo utuu Xiyoon keessaa fayyinni Israaʼeliif dhufee!
Yommuu Waaqayyo saba isaa warra boojiʼaman deebisutti,
Yaaqoob haa ililchu; Israaʼelis haa gammadu!
Copyright information for GazHAHl