Psalms 140
Kadhannaa Hamoota Irratti Dhiʼaate
Dura Buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. 1Yaa Waaqayyo, namoota hamoo jalaa na baasi;namoota finciltoota
2warra garaa isaanii keessatti hammina yaadanii
guyyaa hunda waraana kaasan narraa eegi.
3Isaan arraba isaanii akkuma bofaa qaratu;
hadhaan buutii hidhii isaanii jala jira.
4Yaa Waaqayyo, harka hamootaa narraa eegi;
namoota finciltoota warra miilla koo kiyyootti galchuu yaadan jalaa na baasi.
5Of tuultonni dhoksanii kiyyoo na dura kaaʼaniiru;
ribuu kiyyoo isaanii diriirsaniiru;
karaa koo irras kiyyoo isaanii kaaʼaniiru.
6Yaa Waaqayyo, ani, “Ati Waaqa koo ti” siin nan jedha.
Yaa Waaqayyo, waammata koo dhagaʼi.
7Yaa Waaqayyo Gooftaa, fayyisaa koo jabaa,
ati guyyaa waraanaatti gaachana mataa naa taate.
8Yaa Waaqayyo, akka fedhiin hamootaa fiixaan baʼu hin godhin;
akka isaan of hin tuulleef, akka karoorri isaanii milkaaʼu hin godhin.
9Mataan warra na marsanii,
hammina afaan isaaniitii baʼuun haa haguugamu.
10Barbadaan ibiddaa isaan irra haa buʼu;
isaan ibiddatti illee haa darbataman;
akka lammata hin kaaneefis boolla qileetti haa darbataman.
11Maqa balleessitoonni lafa irra hin jiraatin;
namni jalʼaan waan hamaadhaan haa badu.
12 Waaqayyo rakkattootaaf falmee
hiyyeeyyiif illee murtii qajeelaa akka kennu ani beeka.
13Dhugumaan namni qajeelaan maqaa kee ni galateeffata;
namni tolaanis fuula kee dura ni jiraata.
Copyright information for
GazHAHl