‏ Psalms 141

Akka Qananii Jaldhootaatiin Hin fudhatamne Waaqa Kadhachuu

Faarfannaa Daawit.

1Yaa Waaqayyo, ani sin waammadha; dafii na qaqqabi.
Yommuu ani si waammadhus sagalee koo dhagaʼi.
2Kadhannaan koo fuula kee duratti akka ixaanaatti anaaf haa fudhatamu;
harka koo ol qabachuun koos akka aarsaa galgalaa anaaf haa taʼu.

3Yaa Waaqayyo, afaan kootiif eegduu naa dhaabi;
balbala afaan kootiis naa eegi.
4Garaan koo namoota waan hamaa hojjetan wajjin,
hojii hamminaa keessatti hirmaachuuf,
gara jalʼina kamiitti iyyuu hin harkifamin;
akka ani nyaata isaanii miʼaawaa nyaadhus anaaf hin eeyyamin.

5Namni qajeelaan na haa rukutu; kun gara laafinaatii;
inni ana haa ifatu; kunis zayitii mataa koo irraatti.
Mataan koo waan kana hin didu.
Taʼus kadhannaan koo yoom iyyuu hojii hamootaatiin mormuu dha.

6Bulchitoonni isaanii ededa boollaa irraa gad ni darbatamu;
isaan dubbii koo ni dhagaʼu; dubbiin koo ni miʼaawaatii.
7Isaanis, “Akkuma namni lafa qotu biyyoo bulleessu sana,
lafeen keenya afaan siiʼool irratti bittinneeffamee jira” jedhu.

8Yaa Waaqayyo Gooftaa, ani garuu ija koo sirraa hin buqqifadhu;
ani kooluu sitti galeera; dabarsitee duʼatti na hin kennin.
9Kiyyoo isaan naaf kaaʼan irraa,
kiyyoo warri jalʼina hojjetan naaf qopheessan irraas na eegi.
10Warri hamoon kiyyoo ofii isaaniitiin haa qabaman;
ani garuu nagumaan nan baʼa.
Copyright information for GazHAHl