Psalms 144
Moʼannaa Argachuuf Kadhachuu
Faarfannaa Daawit. 1Waaqayyo kattaa koo,isa harka koo waraanaaf,
quba koos lolaaf leenjisu sanaaf galanni haa gaʼu.
2Inni Waaqa na jaallatuu fi daʼoo koo ti;
iddoo ani itti daʼadhuu fi fayyisaa koo ti.
Gaachana koo, iddoo ani itti kooluu galu,
kan na jalatti saba naaf bulchuu dha.
3Yaa Waaqayyo, akka ati waaʼee isaa yaadduuf, namni maali?
Akka ati isaaf yaadduuf ilmi namaa maali?
4Namni akkuma qilleensa shuf jedhee darbuuti,
barri isaas akkuma gaaddisa darbuu ti.
5Yaa Waaqayyo, samiiwwan kee tarsaasii gad buʼi;
akka aarri isaan keessaa yaaʼuufis tulluuwwan tuqi.
6Bakakkaa ergiitii diina bittinneessi;
xiyya kee darbadhuutii isaan balleessi.
7Ol gubbaadhaa harka kee gad hiixadhuutii
bishaan jabaa jalaa,
harka alagaa duraas,
na baasi; na oolchis;
8warra afaan isaanii sobaan guutame,
warra harki isaanii mirgaa nama dogoggorsu duraa na baasi.
9Yaa Waaqi, ani faarfannaa haaraa siif nan faarfadha;
kiraara ribuu kudhaniitiinis siifin weeddisa;
10isa moototaaf moʼannoo kennuuf, isa garbicha isaa Daawitin
goraadee nama ajjeesu jalaa baasuuf nan faarfadha.
11Harka Ormootaa duraa,
warra afaan isaanii sobaan guutame,
warra harki isaanii mirgaa
nama dogoggorsu jalaa na baasi; na oolchis.
12Ilmaan keenya dargaggummaa isaanii keessatti,
akka biqiltuu tolee guddatee haa taʼan;
intallan keenyas akka utubaa golee,
kan masaraa mootummaa miidhagsuuf soofamee haa taʼan.
13Gombisaawwan keenya,
midhaan gosa garaa garaatiin haa guutaman.
Hoolonni keenya kumaatama haa dhalan;
dirree keenya irrattis kumaatama kudhaniin haa baayʼatan;
14loon keenya haa dorroban hin gatatin
yookaan yeroo malee hin dhalin;
boojiʼamuunis hin jiraatin;
wawwaachuunis karaa keenya irratti hin dhagaʼamin.
15Warri eebbi kun taʼeef haa gammadan;
warri Waaqayyo Waaqa isaanii taʼeef eebbifamoo dha.
Copyright information for
GazHAHl