‏ Psalms 148

Uumamni Hundi Waaqa Haa Galateeffatuu

1Haalleluuyaa.

Samiiwwan irraa Waaqayyoon galateeffadhaa;
ol gubbaatti isa galateeffadhaa.
2Ergamoonni isaa hundinuu isa galateeffadhaa;
raayyaan isaa hundinuus isa galateeffadhaa.
3Aduu fi jiʼi isa galateeffadhaa;
urjiiwwan ibsitan hundinuus isa galateeffadhaa.
4Samiiwwan samii isa galateeffadhaa;
bishaanonni samiin ol jirtanis isa galateeffadhaa.
5Isaan maqaa Waaqayyoo haa galateeffatan;
inni ajajnaan, isaan uumamaniitii.
6Inni bara baraa hamma bara baraatti isaan dhaabeera;
seera hin geeddaramnes isaaniif kenneera.

7Uumamawwan galaanaatii fi tuujubawwan hundi,
lafa irraa Waaqayyoon galateeffadhaa;
8bakakkaa fi dhagaan cabbii, cabbii fi duumessi,
bubbeen jabaan ajaja isaa raawwatan,
9tulluuwwanii fi gaarran hundinuu,
mukkeen ija naqatanii fi birbirsi hundinuu,
10bineensonnii fi loon hundinuu,
uumamawwan xixinnoo fi simbirroonni barrisan,
11mootonni lafaatii fi saboonni hundinuu,
ilmaan moototaatii fi bulchitoonni lafaa hundinuu,
12dargaggoonnii fi shamarran,
jaarsolii fi daaʼimman isa galateeffadhaa.

13Maqaan isaa qofti ol ol jedheeraatii,
isaan maqaa Waaqayyoo haa galateeffatan;
ulfinni isaas lafaa fi samiiwwanii ol jira.
14Inni saba isaatiif gaanfa ol kaaseera;
kunis qulqulloota isaa hundaaf,
saba Israaʼel warra isatti dhiʼoo jiran hundaaf ulfina.

Haalleluuyaa.
Copyright information for GazHAHl