Psalms 15
Nama Akkamiitu Mana Waaqaa Keessa Jiraachuu Dandaʼa?
Faarfannaa Daawit. 1Yaa Waaqayyo, eenyutu dunkaana kee keessa jiraata?Eenyutu tulluu kee qulqulluu sana irra jiraachuu dandaʼa?
2Nama adeemsi isaa mudaa hin qabnee fi
nama waan qajeelaa hojjetu,
nama garaa isaatii dhugaa dubbatuu fi
3kan arraba isaatiin nama hin hamanne,
nama ollaa isaatti waan hamaa hin hojjennee fi
nama ollaa isaa maqaa hin balleessine,
4kan nama hamaa tuffatee warra Waaqayyoon sodaatan garuu kabaju,
yoo waan isa miidhu taʼe illee nama kakuu isaa eegu,
5nama maallaqa isaa hiiqiidhaan hin liqeessinee fi
kan nama yakka hin qabne miidhuuf jedhee mattaʼaa hin fudhannee dha.
Namni wantoota kanneen hojjetu,
gonkumaa hin raafamu.
Copyright information for
GazHAHl