‏ Psalms 20

Kadhannaa Mootiif Kadhatame

Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit.

1Guyyaa rakkinaatti Waaqayyo deebii siif haa kennu;
maqaan Waaqa Yaaqoobis si haa eegu.
2Inni iddoo qulqulluudhaa gargaarsa siif haa ergu;
Xiyoon irraas jabina siif haa kennu.
3Aarsaa kee hunda siif haa yaadatu;
qalma kee kan gubamus siif haa fudhatu.
4Hawwii garaa keetii siif haa kennu;
karoora kee hundas fiixaan siif haa baasu.
5Yommuu ati moʼattutti ililchinee
maqaa Waaqa keenyaatiin faajjii keenya ol fudhanna.

Waaqayyo waan ati kadhattu hundumaa siif haa kennu.

6Ani akka Waaqayyo dibamaa isaa fayyisu amma beeka;
Waaqayyo humna nama fayyisu kan harka isaa mirgaa keessa jiru sanaan
samii isaa qulqulluu keessaa deebii ni kennaaf.
7Namoonni tokko tokko gaariiwwan amanatu; kaan immoo fardeen amanatu;
nu garuu maqaa Waaqayyo Waaqa keenyaa amananna.
8Isaan gufatanii kufu; nu garuu ol kaana;
jabaannees ni dhaabanna.
9Yaa Waaqayyo, ati mootiidhaaf moʼannaa kenni!
Yommuu nu si waammannuttis deebii nuu kenni!
Copyright information for GazHAHl