Psalms 21
Galata Waaʼee Mootichaatiif Dhiʼaate
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. 1Yaa Waaqayyo, mootiin jabina keetti baayʼee gammada.Gargaarsa keettis gammachuun isaa hammam guddaa dha!
2Ati hawwii garaa isaa kenniteefii jirta;
kadhannaa afaan isaas isa hin dhowwanne.
3Ati eebba guddaadhaan isa simatte;
gonfoo warqee qulqulluus mataa isaa irra keesse.
4Inni jireenya si kadhate; atis ni kenniteef;
bara dheeraas bara baraa hamma bara baraatti kenniteef.
5Ulfinni isaa moʼannaa ati isaaf kenniteen guddaa taʼe;
atis ulfinaa fi surraa isatti uwwifte.
6Ati eebba bara baraa kenniteef;
akka inni gammachuu argama keetiitiin gammadus goote.
7Mootichi Waaqayyoon amanataatii;
sababii jaalala Waaqa Waan Hundaa Olii
kan hin geeddaramne sanaatiifis inni hin raafamu.
8Harki kee diinota kee hunda ni qabata;
harki kee mirgaas warra si jibban ni qaba.
9Yeroo mulʼachuu keetiitti,
akka boolla ibiddi keessaa bobaʼuu isaan goota.
Waaqayyo dheekkamsa isaatiin isaan liqimsa;
ibiddis isaan fixa.
10Ati sanyii isaanii lafa irraa,
ijoollee isaaniis ilmaan namaa gidduudhaa ni balleessita.
11Isaan yoo waan hamaa sitti yaadan,
yoo daba sitti mariʼatanis hin milkaaʼan.
12Ati yommuu iddaa kee isaanitti qabdutti,
akka isaan baqatan gootaatii.
13Yaa Waaqayyo, jabina keetiin ol ol jedhi;
nu humna kee ni jajanna; ni faarfannas.
Copyright information for
GazHAHl