‏ Psalms 24

Faarfannaa Mootii Ulfinaatiif Faarfatame

Faarfannaa Daawit.

1Laftii fi wanni lafa irra jiru hundinuu,
addunyaa fi wanni ishee keessa jiraatu hundinuus kan Waaqayyoo ti;
2inni galaanota irratti ishee hundeesseeraatii;
bishaan irras ishee dhaabeera.

3Eenyutu tulluu Waaqayyootti ol baʼa?
Iddoo isaa qulqulluu sanas eenyutu dhaabata?
4Nama harka qulqulluu fi garaa qulqulluu qabu,
nama lubbuu isaa gara waaqa tolfamaatti ol hin kaafne
yookaan nama sobaan hin kakannee dha.
5Inni Waaqayyo biraa eebba,
Waaqa Fayyisaa isaa biraa immoo qajeelummaa ni argata.
6Dhaloonni kun dhaloota warra isa barbaadanii ti;
kan dhaloota warra fuula Waaqa Yaaqoob barbaadanii ti.

7Yaa karroota nana, mataa keessan ol qabadhaa;
isinis balbalawwan durii,
akka mootiin ulfinaa ol galuuf ol qabamaa.
8Mootiin ulfinaa kun eenyu?
Waaqayyo jabaa fi humna qabeessa,
Waaqayyo isa waraana keessattis humna qabu sanaa dha.
9Yaa karroota nana, mataa keessan ol qabadhaa;
isinis balbalawwan durii akka mootiin ulfinaa ol galuuf
mataa keessan ol qabadhaa.
10Mootiin ulfinaa kun eenyu?
Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu sun,
inni Mootii ulfinaa ti.
Copyright information for GazHAHl