Psalms 26
Kadhannaa nama qajeelaa
Faarfannaa Daawit. 1Yaa Waaqayyo, sababii ani jireenya hirʼinahin qabne jiraadheef, ati naa murteessi;
anis utuu asii fi achi hin raafamin,
Waaqayyoon amanadheera.
2Yaa Waaqayyo, qoriitii na ilaali;
garaa koo fi qalbii koo qori;
3jaalalli kee kan hin geeddaramne sun ija koo dura jiraatii;
anis dhugaa keetiin nan deddeebiʼa.
4Ani warra nama gowwoomsan wajjin hin taaʼu,
yookaan fakkeessitoota wajjin tokkummaa hin qabaadhu;
5ani waldaa warra hammina hojjetanii nan jibba;
hamoota wajjinis hin taaʼu.
6Yaa Waaqayyo, ani harka koo qulqullummaadhaan nan dhiqadha;
iddoo aarsaa keetii irras nan naannaʼa.
7Faarfannaa galataa guddisee nan faarfadha;
dinqii hojii keetii hunda nan odeessa.
8Yaa Waaqayyo, mana ati keessa jiraattu,
iddoo ulfinni kee jirus nan jaalladha.
9Lubbuu koo cubbamoota wajjin, jireenya koos
warra dhiiga dhangalaasan wajjin hin balleessin;
10warra harka isaanii keessa karoorri jalʼinaa jiru
kanneen harki isaanii mirgaa mattaʼaadhaan guutame wajjin na hin balleessin.
11Ani garuu jireenya hirʼina hin qabne nan jiraadha;
ati na furi; araaras naa buusi.
12Miilli koo lafa wal qixxee irra dhaabata;
waldaa guddaa keessattis Waaqayyoon nan jajadha.
Copyright information for
GazHAHl