Psalms 27
Ija Jabina Nama Waaqayyoo
Faarfannaa Daawit. 1Waaqayyo ibsaa kootii fi fayyina koo ti;ani eenyunan sodaadha?
Waaqayyo daʼoo jireenya kootii ti;
eenyutu na sodaachisa?
2Namoonni hamoon yommuu
foon koo nyaachuudhaaf natti dhufan,
diinonni koo fi amajaajonni koo
yommuu na miidhuuf natti kaʼan, gufatanii kufu.
3Yoo duulli na marse illee,
garaan koo hin sodaatu;
yoo waraanni natti baname illee
ani hin raafamu.
4Ani waan tokko Waaqayyoon nan kadhadha;
waan kanas nan barbaada:
Kunis bara jireenya kootii guutuu
mana Waaqayyoo keessa jiraachuu,
miidhagina Waaqayyoo ilaaluu fi mana qulqullummaa isaa
keessatti isa kadhachuu dha.
5Inni guyyaa rakkinaa
iddoo ofii jiraatu na kaaʼataatii;
daʼoo dunkaana isaa jala na dhoksa;
kattaa gubbaattis ol na baasa.
6Yommus diinota na marsanii olitti
mataan koo ol jedha;
dunkaana isaa keessatti illee ililleedhaan aarsaa nan dhiʼeessa;
Waaqayyoof nan faarfadha; nan weeddisas.
7Yaa Waaqayyo, yommuu ani si waammadhu, sagalee koo dhagaʼi;
naaf araarami; deebiis naaf kenni.
8Yommuu ati, “Fuula koo barbaadaa!” jettetti,
garaan koo, “Yaa Waaqayyo, ani fuula kee nan barbaada” siin jedha.
9Fuula kee na duraa hin dhoksin;
aartee tajaajilaa kee of irraa hin deebisin;
ati gargaaraa koo taateerta.
Yaa Waaqayyo, Fayyisaa ko,
na hin gatin; na hin dhiisinis.
10Yoo abbaan kootii fi haati koo na dhiisan illee,
Waaqayyo na simata.
11Yaa Waaqayyo, karaa kee na barsiisi;
sababii ani diinota baayʼee qabuuf
daandii qajeelaa irra na buusi.
12Fedhii diinota kootiitti dabarsitee na hin kennin;
dhuga baatonni sobduun narratti kaʼaniiruutii;
isaanis hafuura jalʼinaa baafatu.
13Anis biyya jiraattotaa keessatti
gaarummaa Waaqayyoo akkan argu
amma iyyuu nan amana.
14 Waaqayyoon eeggadhu;
cimi; jabaadhus;
Waaqayyoon eeggadhu.
Copyright information for
GazHAHl