‏ Psalms 3

Kadhannaa Nama Ariʼatamaa Jiruu

Faarfannaa Daawit yeroo ilma isaa Abesaaloom jalaa baqatetti faarfate.

1Yaa Waaqayyo, diinonni koo akkam baayʼatu!
Namoonni baayʼeen natti kaʼaniiru!
2Namoonni baayʼeen, “Waaqni isa hin baraaru” jedhanii
waaʼee koo dubbatu.

3Yaa Waaqayyo, ati garuu naannoo kootti gaachana koo ti;
ulfina kootis; mataa koos kan ol qabdu suma.
4Ani guddisee Waaqayyotti nan iyyadha;
innis tulluu isaa qulqulluu irraa deebii naa kenna.

5Ani nan ciisa; nan rafas;
waan Waaqayyo ol na qabuuf nan dammaqa.
6Saba kumaatama qixa hundaan
kaʼee na marse ani hin sodaadhu.

7Yaa Waaqayyo kaʼi!
Yaa Waaqa koo na baraari!
Mangaagaa diinota kootii hundumaa rukuti;
ilkaan hamootaa illee caccabsi.

8Fayyinni kan Waaqayyoo ti.
Eebbi kee saba kee irra haa jiraatu.
Copyright information for GazHAHl